Namoota Sadiitu Rooba Dheefa Goda Seenanii Rabbiin Goda Itti Cufe. Akkamitti Bahan? Ustaaz Hamzaa Takluu

Seenaan Kuni Waan Baayyee Garaa Nama Nyaatufi Ammoo Hojiin Bareedduun Ati Rabbiif Jecha Hojjattee qabdu Yeroo Rakkoo Nama Furuu Asirraa Baratta.

Namoota Sadi Goda Seenanii Rabbiin Goda Itti Cufe Akkamiin Bahan? Seenaa Kana Ustaaz Hamzaa Irraa Dhaggeeffadhaa

Seenaa Namoota Sadii Rooba Dheefa Goda Seenanii Gonni Itti Cufamee Rabbiin Rahmata isaatin Goda Sana Keessaa Baase. Hadiisa Ergamaa Rabbii (S.A.W) Nutti Odeessuun Seenaa Kan Kan Nu Yaadachiise Ustaaz Hamzaa Takluu Obsaan Dhaggeeffadhaa Isin Fayyadaa jedhee Ummataaf Himuu eegale.

Seenaa Ummata Banii Israa’il keessatti Tahe Kana Ergamaan Rabbii (S.A.W) Nutti Odeessan Jedhe. Namoonni Sadan Tokko Osoo Deeman Gaara Keessatti Roobni Isaan Qabee jennaa,Rooba Kana Dheefa Goda Seenan. Goda Kana keessa Akkuma Seenaniin Dhagaan Konkolaatee Gonni Itti Cufame. Yeroo Kanatti Yoo Iyyanis Namni Isaan Dhagahu Tokko Hin Jiru. Ofiif Ofirraa Bananii Bahuus Dadhaban. Amma Namuu Hojii Bareeda Duraan Hojjatanii Lafaa Qabaniin Rabbi Kadhatuu Eegalan.

Jara Sadii Goda seenee Rabbiin Goda Itti Cufe. Akkamiin Bahan? Ustaaz Hamzaa

1, Akkana Jechuun Kadhatuu eegale. Yeroo Hunda Haadhaaf Abbaa Isaa Kaddama(Tajaajila) gaafa Tokko Osoo Inni Aanan Hin Obaasin Haadhaaf Abbaan Isaa Isa Duratti Rafan. Namni Kuni Ilmaanif Maati Dhuunfaa Isaa Dura Haadhaf Abbaa Isaa Kaddamaa Turuu Seenaan Isaa Kaafti. Hanga Haadhaaf Abbaan Hirribarraa Ka’anii Aanan Elmee dhufe Harkatti Qabatee Dhaabbataa Buluu fi erga Isaan Hirribaa ka’an Obaasuu Isaa Dubbatee,Yaa Rabbi Yoonin Ani Siif Jecha Kana Godhe Nurra Bani jedhee Kadhannaan Dhagaan Itti Cufamee Ture Xiqqo irraa Saaqame.

2, Kan Lammadaa Taraan Geenyaan Akkana jedhe. Intala Abbeeraa Kiyyaa Takkaatu Ture. Isheen Baayyee Bareeddi Onnee Nafuute. Waliin Rafuu Kajeeleen Gaafadhe. Na Diddee Deemte. Yeroo Dheeraa Booda Rakkannaan Akka Hayyamtee Waa Irraa Fudhattee waliin Rafuuf Murteessite Himteef. Innis Wanta Isheen Feetu Godheefi Wajjiin Rafuuf Haala Mijjeeffate. Yeroo Kana Akkuma Luka Jidduu seenen Aboo Rabbi Sodaadhu Badii Nattin Hojjatin Naan Jette. Anis Rifadheen Jechi Ishee Onnee Na seenee Dhiise. Yaa Rabbi Yoonin Jecha Ishiin Rabbi Sodaadhu Naan jette saniif Dhiise Nurraa Bani jedhee Kadhannan Ammas Rabbiin dhakaa Goda Cufe sana Xiqqo Irraa Dhoosuun Baldhise Garuu Ammas Bahuu Hin Dandahan.

3, dabareen Gurbaa Isa Sadaffaa Sana Geesse. Inni Akkana Jedhe. Nama Wahiitu Midaa Fudhachuun Na Bira Hojjataa Ture. Midaa Isaa Dhiise Turtii Yeroo Dheeraa Booda Na Biratti Deebi’e. Anis Midaa Inni Na Biratti Irraanfatee deeme saniin Beeladoota Bitee,beeladoonni sunneen Akka malee Wal Hiranii Baayyatanii jiran. Gurbaan Kuni Yeroo Dheeraa Booda Natti deebi’ee Mindaa isaa Sana Na Gaafate. Anis Kuni Hundi keeti jedheen Haqa Isaa Guutuu kenneef. Yaa Rabbi Yoonin Kana Siif jecha Godhe Nurraa Bani Inni Jennaan Guutumatti Dhagaan Goda Cufe Dhoohee Baname jedhe.

Kanarraa Wanni Hubatamu Hojiin Gaariin Ati Gaafa Baldhoo Rabbiif Jecha Hojjatte,Gaafa Ati Rakkina Mudatte Akkasiin Nama Furuu Irraa Hubatta. Maraafuu Viidiyoo Olirra Jirurraa Obsaan Akka dhaggeeffattan Isin Gaafadha. Galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment