Warri Taa’ee Shamarran Boochisaa Birrii Nyaatu Ustaazota Keenya Maqaa balleessuu Jalqaban.

Ustaaz Hamzaa Hashim Jedhama. Ustaaz Qoosaa Hadiisa Ergamaa Rabbii Ummataaf Qooduu Keessatti Shoora Guddaa Taphataa jiruu fi Ustaazota Dhukkubbii Mataa Durriyyoota muraasa Tiktokirraa Dhiichisanii Tahan Keessaa Ustaaz Hamzaan Nama tokko.

Namoota Kijibaan Maqaa Ustaaz Hamzaa Haashim Balleessaniif Gorsa Gabaabaa

Akkuma Beekamu Jidduu Kana Dhimmi Viidiyoo Waraabuu fi Waraabamee ture Miidiyarratti Maxxanfamee Ijoo Miidiyaa Hawaasummaa Tahe. Dubbiin Kuni Namoota Dogongoree yookaan Wallaalan Viidiyoo Ofwaraabe Osoo Hin Taane Namoota Shamarran Dogongorsiisuun Viidiyoo Waraabbatee,kanaan Sodaachisaa Birrii Irraa Nyaatamu Kanarratti Xiyyeeffatamu Akka Qabu Hawaasni Irratti walii Galuun Rooba Dhukkeen Azooramuu Jalqabe.

Wanti Kuni Ammoo Namoota Viidiyoo Shamarranii Waraabanii Madda Galii Isaanii Taasifataniif Dhukkubbii Mataa Tahuun,Laagaa Keenya Cufaa Jirtan Waan jedhu Kan fakkaatu Olola Facaasuu eegalan. Namoota Irratti Ololamee maqaan akka Badu Irratti Hojjatame keessaa Ustaaz Hamzaa Haashim Nama Tokko.

Ustaaz Hamzaa Hashim Namoota Kijibaan Maqaa Ustaazotaa Balleessaniif Gorsa Laate.

Ustaaz Hamzaa Haashim Hiriyoota Isaa Waliin Isaa Viidiyoo Haasahu fi Viidiyoo Nama Biraa Walitti Hidhuun Akka waan ustaaz Hamzaan Viidiyicha hojjateetti Itti Fakkeessuun Maqaa xureessan. Wanni Kuni Zulmii Narratti Deemaa Jiru Waan taheef Ani Namoota,Dhimma Viidiyoo kijibaa kanaa Maxxansee fi Qooduun Kijiba Kana Dhugaa Fakkeessuuf Dhama’aa Jiran Hunda Rabbii Oltahettin Himadha jechuun Namoonni Wanta Akkanaa Kanaan Maqaa Namaa Balleessaa Jiran Rabbiin Galata Isaanin Malu Galchaaf jedhee,Hadiisa Ergamaa Rabbii (S.A.W) wabeeffatuun Gorsa Laateera.

Namoonni Wanta Akkanaa kana keessatti Hirmaattan akka Irraa Ofqusatuu qabdan Isiniif Dhaamaa,Rabbiin Nuhaa Sattaru Haqa Ustaazota keenyaas Rabbi Nuuf Haa Baasu Abbaa Nama Zallame Rabbiin Qixaaxa Isaatin Isa Qaxxa’uun Waan Hin Oolledha. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment