Oromoon Maaluma Taate? Mee Yeroo Kanatti Ajandaa Dhimma Oromo Caalu Maaltu Jira jedhe kaab Buttaa

Oromoon Ummata isaa dhiisee Ajandaa Biraa Jala fiiguun Sirrii miti jedhe Kaab buttaan

Yeroo Tokko Tokko Haalli Keenya Nama Rifaasisa jechuun Haasaha Kan Eegale Kaab Buttaa yookaan Hordofaa Mohammed Waan Dubbatu qaba.

Kaab Buttaan Oromoon Dhimma Isaa Dhiisee dhimma Jaalalloota Lamaa Haasahuun Sirrii Miti Jechuun Rakkoo Ummanni Keenya Keessa Jiru Himee,Yoo Waan biraa gochuu dadhabdan Ummata Keenya Mana Hidhaa Saudi Arabia keessatti Rakkataa jiraniif Sagalee Tahaa Jedheera.

Kaab Buttaan Oromoon Dhimma Isaa Irratti Ofdagatuu Hin Qabu jechuun Dhaame.

Ijoollota Biyya Keenyatti Maqaa Raayyaa Ittisa Biyaatin guuramaa jiraniif Sagalee Tahaa Jechuun Yaada kennatuu Kan Eegale Kaab Buttaan,Mootummaan Ilmaan Waraanaf Guuree Haadha Ilmaanitiin Nyaata Milishaa Jedhee Dararuun Tan Nyaata Kennuu Dhabde Hidhuun Sirrii Miti jechuunis komii qabu ibsateera.

Dhumarratti Obbo Kaab Buttaa Oromoon Akka Wal dhaggeeffatuu qabuuf Hayyoonni Oromoo Dhimma Kanarratti Callisuu Hin Qaban Wal dhagahuun Akka Mariyatuu qaban Gaafate. Gama Biraatin Mootummaan Nagaha Ummataa Yoo Kan Barbaadu Tahe,Marii Karaa Nagahaatif Ofqopheessuu Akka Qabu Dhaameera. Isin Maal jettan? Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment