Viidiyooleen Waraana Mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromo Isaanii TikTok irraa Waliin Qoosanii Taphatan Agarsiisu Baayyeen Muldhataa jira.
Namni Sirnaan Qalbifatee Ilaale,Ijoolleen Waraana Bilisummaa Oromo Keessa Jiranii fi Kan Waraana Mootummaa Keessa Jiran,Ijoollee Waliinuu Taphattee Hin Quufintu,Walitti Gaarreffatee Akka Walitti Dhukaasan Taasifaman Nama Jechisiisa.
Koflaa taphni Isaan Tiktok irratti Waliin Koflanii Taphatan Diina Osoo Hin Taane Ilmaan Abbaa Tokkoo Kan Halaala Irraa Walitti Qoosaa Jiruufi Jaalalti Isaan Waliif Qaban Ammoo Olbahee Muldhata Fakkaata.

Haa Tahuu Malee Ijoolleen Waliin Taphattee,Waliin Haasofteetu Hin Quufne tun Walitti dhukaafti Gaafa Jedhan Garaatu Nama Boohara. Ijoollee Miskiina Homaa Beeyne tannee Gidduu Seenee Kan Ummata Rakkisaa Jiru Qaamni Biroo Akka Jiruutu Dubbatamaa. Kanaatu Ummata Rakkisaa Jira Waan taheef Nagaha Kana Ummata Keenyaaf Buusuuf Ijoollee Tana Gidduutti Nagahaan Akka Bu’uu qabu Hundi keessan Mootummaa fi ABO-WBO gaafatuun Jajjabeeffamuu qaba. Galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia