Barreeffama Kana Obbo Taayyee Dendea Aredo Kan Fuula feesbuukii isaanii Irratti Barreessan Gaafa December 3/2023 ture.
Barreeffamni Obbo Taayyeen Sagalee Nagaa Sabaaf jecha jechuudhaan Mata-duree godhee Barreesse kuni Dhugumatti Haqa Oromo Kan Dhokate Keessaafuu Kan Abiy Ahmed Afaanin Qofa Oromo sobee Hojiidhaan Homaa Hin Agarsiisin Baase. Kanaaf jecha Abiy Ahmed Obbo Taayyeetti Mufatee Aangorraa Kaase jechuun Namoonni Baayyeen Yaada Kennatan.
Barreeffamoonni Obbo Taayyeen Sana Booda Barreessanii fi Barreeffamni Kuni Akka Abiy Taayyee Irraa Abdii Muratee Hidhu Taasise Jechuun Namoonni Hedduun Yaada kennataa jiran.

Obbo Taayyee Dendea Aredo Erga Hidhamee Hanga Ammaatti Mana Murtiitti Hin dhihaanne. Abukaatota Isaa waliinis Akka Wal Hin Argine Dhoowwamuu BBC Afaan Oromo Gabaase. Gama Biraatin Haati Warraa Obbo Taayyee Dendea Aredo Rakkina Keessa Akka Jirtu Afgaafii OMN waliin Taasifte keessatti Beeksiftee jirti.
Haati Warraa Obbo Taayyee Mootummaan Lakkoofsa Herrega Taayyee fi Kankoo Akkasuma Kan Maatii Taayyee Namoota Muraasa akka Ugguree Jiru OMNtti Himte. Viidiyoon Yeroo Haadha Warraa Obbo Taayyee Dendea Mana Keessaa Baasuun Meeshaa fi Ilmaan Waliin Ala Teessu Muldhisu Guyyaa Arraa Muldhateera. Mootummaa Kanaan Isin Maal Jettan? Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia