Ani Obbo Taayyee Gootummaa Fi Nama Waan Itti Amane Hanga Galmaan Gahuu Jalaa Hin Hafne tahuu Gaafa Mana Hidhaa Dukkana keessa Waliin Turren Beeka Jechuun Obbo Baqqalaa Garbaa Murannoo fi Kutannoo Obbo Taayyee Dendea Ibsa.
Obbo Baqqalaan Dhuguma Dubbachuuf Akkaataa Barreeffama Taayyeen Itti Barreessufi Jechoota Inni Barreeffamoota isaa Keessatti Fayyadamu Akkasuma Ergaan Barreeffamoota Isaa Akka waan Filmii ija dura Nama Qabaa Ijaan Nama Agarsiisanitti Nama Seena. Wanti Biraa Hafee Akkaataan Barreeffama Isaa qoftinuu Nama Hubannoo fi Beekumsa Qabu tahuu Namaaf Akeeka jechuun Obbo Taayyee Dinqisiifata.
Obbo Taayyeen Yeroo Nuti Mana Hidhaa Turretti Waa Baayyee Nuun Jechaa ture. Tahullee garuu Ofii isaarraa ka’ee Akka Nuun Waa Hin Jedhintu Natti Muldhata Kan jedhe Obbo Baqqalaa Taayyee Dendea Nama Dhugumaan Gootummaa fi Onnee Qabu Kan Kaayyoo Isaafi Saba Isaaf Jecha Waan Hojjatu Hundumaa Hojjatuudha jechuun Ragaa Baheef.

Namoonni Akka Taayyee Kuni Miliyoonota keessaa Tokko Argama Waan Taheef Nama Akka Kanaa Kana Ololaa fi Kijibaan Yookaan Akkasumaan Irratti Duulurraa Of Haa qusannuu jechuunis Ummataaf Gorsa Laatee Onnee Obbo Taayyeen Ittiin Abiy Ahmed Dura Dhaabatee Akkasiin Barreessef Suni Dhuguma Waan Abiyin Ibsu dhabe Kanatu Malaan jedhee barreessef waan taheef Nama Dinqisiifamuu qabuudha jedhe.
Dr Milkeessaa Fi Dr Bayaan Asoobaatis Gootummaa fi Onnee Obbo Taayyeen Mootummaa Sana Keessaa Taa’ee Ittiin Dubbate Dinqisiifachuun Badhaadhinni Taayyee Booda Nama Akka Isaa Tasuma Hin Argatan jechuun Yaada kennatanii Gootummaa Taayyee Dinqisiifataniiru. Isin Maal jettan? Viidiyoo Olirraa Agartan dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia