Barreeffamni Obbo Jawar Mohammed Guyyaa Arraa Maxxanse Ijoo Miidiyaa Hawaasummaa tahe.
Waggaa Lamaan Dura Yeroo Obbo Jawar Mohammedfaa Mana Hidhaa Turanitti Obbo Taayyee Dendea Aredo Sababa Paartii Isaaniif Jecha Obbo Jawarfaa irratti Qoosaa Turan. Qoosaan Isaan Hayyoota Oromo Irratti Qoosan Oromoota Baayyee Mufachiisee ture.
Guyyaan Tokko Dabree Kan Biraa Dhufnaan Torbaanotatti Jijjiirame. Torbaanonnis Walitti Dabalamuun Ji’ootarraan Waggaa Lama Dabree Paartiin Obbo Taayyeen Isaanif Jecha Hayyoota Oromoo Xiqqeessaafii ture sun Isa Nyaate.

Yeroo Ammaa Obbo Taayyeen Garee shorarkeessaa waliin Hidhata Qaba jedhamee Aangorraa Kaafamee Mana Hidhaatti Darbatame. Yeroo Ammaa Mana Obbo Taayyeen Maatii Waliin Keessa Jiraataa Turerraa Baasuun Dhagahamnaan garuu Obbo Jawar Mohammed Barreeffama Asii gadii Kana Barreesse.
Siyaasa biyya keenyaa keessaa wanti fokkisaan tokko namoonni/ murnoonni gaafa waldhaban maatii walii kan miidhaniidha. Nuti warri qabsoo/siyaasa hojii godhannee filanne aarsaafi wareegama dhuunfaan dhufuu malu beekneeti itti seenne. Garuu ammoo haati, abbaan, adaadaan, haati warraa, obbolaanfi daa’imman keenya murtii kana keessatti hirmaannaa hin qaban. Badii uumamuufis wanti itti gaafatamaniif hin jiru. Taayyee Danda’aas tooraafi tooftaa siyaasaa filateen aarsaa itti dhufe kafalus, maatii isaa miidhuun garuu fafa. Yeroma mana itti kireeffatanis osoo hin kenniniif daa’imman isaa mana jireenyaa keessaa ari’uun cubbuudha.
Gochi akkanaa qaroowwan siyaasaa (political elites) jiddutti gadoo dhuunfaa hammeessuun, bor gaafa yeroon jijjiramte walitti fayyuu rakkisaa godha. Siyaasni haaloo ( revenge politics) ammoo biyya balleessa.
Barreeffama Obbo Jawar Mohammed Kana Jalatti Oromoonni Kumaatamaan Yaadota Garagaraa Kennachuun Gara-Laafessa Namaa Kanaaf Sijaalanna jedhanii Hayyuummaa fi Gootummaa Obbo Jawar Himuun Leellisurratti Argaman. Isin Yaanni keessan Maali? Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia