Obbo Shimallis Abdiisaa Gochoota Hin Taane Fi Garajabinaa Ummata Oromoo Irratti Raawwataa Jira jechuun,Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromia Kana Komatuun Barreeffamoota Dhedheeraa Gama Fuula feesbuukii isaanii irratti Barreessaa Kan Turee fi Deetaa Ministeera Nageenyaa Tahuun Waggaa tokkoo oliif Tajaajilaa Kan Ture Obbo Taayyee Dendea Guyyaa Arraa Humna Shoorarkeessaa waliin Hojjattaa ture Jedhamuun Mana Hidhaa Galeera.
Rakkina Sirna Bulchiisa isaanii Keessa Turerratti Obbo #Shimallis Abdiisaa fi Obbo #Taayyee Dendea Gidduutti Atakaaroon Erga jalqabe Har’a Waggoota Lakkoofsiseera. Walmormii fi Gaarreffannaa Yeroo dheeraa booda Dubbiin Taayyee Dhagahamuu didee Guyyaa Arraa Obbo Taayyeen Hidhamuun,Obbo Shimallis Injifateera jechuun Namoonni Yaadota Garagaraatin Dubbataa jiran. Dhimma #Oromo fi #Oromia Ilaalchisee Obbo Taayyeen Barreeffamoota Yeroo garagaraatti Barreessaa Turan Kana Irra deebiin Isiniif Dhiheessineerra.

Guyyaa Kaleessaa Sababa Inni Komii Mootummaa kiyyarratti Ofeef Aangorraa Kaase Jechullee baatu,Xalayaan Akka Inni Aangoo Gadi dhiisuu qabu Muldhiftu,Mootummaa Ethiopia Irraa Obbo Taayyee Qaqqabee,Obbo Taayyeenis Jechoota Jajjaboon Abiyyiif Deebi Kenneera.
Namoonni Baayyeen Sababa Taayyeen Ati Harki Kankee dhiigaan Laaqamaa Tahuu Ergan Hubadhen Sirni Kankee Kan Madamar jedhu Kuni Ummataaf Akka Hin Taane Hubadhee Kanaafin Siwaliin Dhaabaturra Gama Ummataa Yookaan Nagaha Buusuu Akka Qabdan Lallabe Jedhee Abiyif Deebii Kenneef,Abiy Ahmed Aaree Aangorraa Kaasee hidhe Jechuun Yaada kennataa jiran. Isin Maal jettan? Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia