Obbo Taayyee Dendea Aredo Gidduu Kana Rakkoon Mootummaa Keenyaa Kuni Hundeerraa furamuu qaba jechuun Rakkoo Keessoo Mootummaa isaanii jirurratti xiyyeeffatee barreeffamoota Dhedheeroo baayyee barreessaa jira.
Guyyaa Arraatis Barreeffama Mata-Dureen isaa Ijoollee Wareegamtootaf jecha Nagaa jedhu gama Fuula feesbuukii isaanii Irratti Barreessan.
Sababaa Obbo Taayyeen Barreeffamoota kanneen Barreessaniif Aangorraa Kaafaman jechuun Obbo Kaab Buttaa Yaada dhimmicharratti kennatan. Obbo Taayyee Dendea Aredo Lafee Dugdaa paartii badhaadhinaa Nama ture tahuun Osoo beekamuu Sababa Mootummaan Keenya Kan Abiy Ahmed Bulchaa jiru Kuni Sirrii Miti jedhee qeeqef Aangorraa Kaafame jechuunis Komii Isaa Ibsataa jira.
Obbo Taayyee Dendeas Xalayaa Isa Qaqqabe Gama Fuula Feesbuukii isaanii Irratti Maxxansuun Akkana Jedhee “ Kabajamoo Muummicha Ministeeraa Abiyyi Ahimadiif
Yaada Ida’amuu dubbattee fi barreessite amanee isin hordofe. Dhawaata garuu nama waan dubbatu hin jiraanne qofa otoo hin taane cubbamaa dhiiga namaatiin taphatu ta’uu keessanin hubadhe. Gaafan dhugaa sehee waraana bilaasha maqaa walabummaa biyyaatiin bantan, isa Itoophiyaanota wal-nyaachise, fi diinagdee biyyaa kuffise gegeessaa turtan deeggaretti na faarsaa turtan. Hardha gaafan dubbii argee gara nagaa goruun wal-ajjeechaan obboleeyyanii haa dhaabatu jennaan aangoo narraa fudhattan. Otoon shira Oromoo Oromoodhaan balleessuu fi obboleeyyan isaatiin walitti buusuuf kaatan argaa callisuu dhabuu kootii baayyeen gammada. Turtii waliin qabaannef galatoomaa!Hagan jirutti qabsoon nagaa fi obbolummaa ummataatiif godhu itti fufa!„ Yaada irratti kennateera.
