Obbo Taayyee Dendea Aredo Barreeffama Dheeraa Dhimma Oromo fi Oromia irratti Barreessan

Obbo Taayyee Dendea Aredo jedhama. Hogganaa Olaanaa Bulchiinsa Mootummaa Ethiopia keessatti deetaa Nageenya Ethiopia tahuun Nama Waggaa tokko oliif tajaajila kennaa jiruudha.

Obbo Taayyee Dendea Aredo Dhimma Nageenya Oromia fi Marii Araaraa Ilaalchisee Yaada kennan.

Obbo Taayyeen Dhimma Marii Nagahaa Kan Mootummaa Ethiopia fi ABO WBO gidduutti Biyya Tanzaaniyaa Odola Zanzibaari fi Daarusalaamitti Yeroo lamaaf Gaggeeffame hordofee, Mariin Kuni Milkii Malee Yeroo lamaaf Xumuramutti Gadduu Kan Ibsee fi Dhimma Kana Ilaalchisee Dhiheenya Kana Rakkoon Bulchiinsuma Mootummaa Isaanii Keessa Akka tahe Irra deddeebiin Yaada Isaa Maxxansaa jira.

Obbo Taayyee Dendea Aredo Gama Fuula feesbuukii Isaanii Irratti Barreeffamoota Dheeroo gadirra Jiran Kana Maxxanse.

Gaafii Erga deebi’ee Bubbule jechuun Sababa Mariin Araara Mootummaa fi WBO gidduu Fashaleef Kan Mootummaan isaanii Akka Sababaatti Dhiheeffatan Akka Mata-duree gochuun Jarana Wanti Isin jettan kuni dhugumaaree jedhee,Yaada Isaa Dhugaa Ummanni beeku qabu jechaa waan Fakkaatu Akka Armaan gadii kanatti Itti fufuu eegale.

Gaafii Erga deebi’e Bubbule Wanti kuni dhugumaaree??

Obbo Taayyee Dendea Aredo -Gaafi Erga Deebi’e Bubbule jettanii jechuun Barreesse

Yaaliin araaraa Dareesalaam gadadoo hamaa sabi ganna shaniif itti ture ni hiika jennee abdanne. Sun fashallaan guddoo gaddine. Ibsa mootummaa keenyaa isa “Warri Shanee gaafii dulloomaa erga deebi’ee bubbule kaasan” jedhu gaafa dhageennu ammoo ni rifanne. Balballi keenya nagaaf cufaa ta’uu as irraa hubanne. Kanaaf leelloo nagaa cimsine!

Ummati Itoophiyaa gaafiilee lafaa, eenyummaa fi dimokiraasii kaasuu seenaa irraa dubbifne. Darguun gaafii lafaa deebisee lamaan dhiise. ADWUI-n mirga eenyummaa jala dhokatee gaafii dimokiraasii ukkkaamse. Qabatamaatti ammoo, wanti yaalame jiraatus, gaafiileen sadanuu hin deebine. Otoo dimokiraasiin hin jirre gaafii kamuu deebisuun waan hin taane. Dhugaa kana sanadoota Paartii Badhaadhinaa keessatti irra deddeebiin barachaa barsiifne. Bara 2013 gaafa filannoof dhiyaannu, “Gaafiin erga deeb’ee bubbule” jechuuf otoo hin taane, gaafiilee bubbulan lakkoofnee hundeerraa deebisuuf waadaa seenne.

Gama keenyaan jechii fi gochi mootummaa wal-diduu bara 1992 filannoo marsaa lammataa irratti argine. Waan hin fedhin akka filannuuf dirqisiifamne. Gaafas irraa qabsoo murteeffanne. Bara 1996 waraanan gaafii sabaa deebisuuf manaa baane. Adeemsaan keessa ammoo qabsoo humnaatti amanuu dhiifne. Erga yaada fi nagaan qabsaayuu jalqabnee amma ganna saddeet guutuuf dhiyaanne. Ejjannuma kanaan OPDO seenuun achirraa ODP fi Badhaadhinatti ceene.

Haga nuuf galutti hardhas roorroo fi gadadoon sabaa hin dhaabanne. Kanaafuu gaafiin ummataa tokkoyyuu hin dulloomne. Gaafiin diinagdee (lafaa) akka malutti hin deebine. Lafa ilaalchisee Saamtutu geeddarame malee saamichi hin dhaabanne. Lafti dur harka Gultanyaa ture hardha kiisii dallaalaa seene. Dhugaa kana ammoo afaan muummichaa irraayyuu dhageenne! Hanni sarara diimaa ture afaa diimaa hundi irra deemu ta’uu nuyyuu dubbanne.

Kaleessa “Ormi saba qe’ee irraa buqqise” jechuun lallabne. Hardha ammoo ofumaa saba buqqisaa darbuutti kaane. Badii dur raawwate sirreessuun hafee badii dabalataa dhalchine. Dallaalaaf haala mijeessutti goojjoo hiyyeessaa diigne. Hiyyummaan yoomiyyuu caalaa amma hin hammaannee? Kan biraa hafee waan hojjataan mootummaa keessa jiru hubannee? Duuba akkamiin gaafii diinagdee (lafaa) dulloomsine?

Gaafiin eenyummaas duubatti deeme. Afaanin barannus qulqullinni barnootaa ni dhabame. Qormaata kutaa 12ffaa irratti Oromiyaan dhuma ta’uu hubatame. Ammoo sabichi yoomiyyuu caalaa hardha tuffatame. Bara tare otoo nu bulchinuu Booranni beelaan dhume. Ammas duutii isaa gaddisiisuun hafee, “Namni hjn duune” jechuun namooma isaa waakkachuutti seename. Wallaggi, Gujii fi Shawaan ganna shan guutuu ajjeechaa, saamichaa fi dhaanichaan dararame. Xiyyeeffannoon keenya garuu paarkii warri quufe itti bashannanuuf kenname. Sabi hafee jaalli keenya inni ummata waliin rakkatuyyuu ni irraanfatame.

Tuulamni kaleessa caalaa hardha harka hattuu fi dallaalaatti ergarame. Arsiin akka bara dargii qamadii dafqee oomishe bushoon gurguruuf dirqame. Jimaa Harargeetiin kara deematu duroome. Warri rakkoof baqate akkuma dur hardhas jawwee fi naachaan nyaatame. Jaarraa 21ffaa keessa sabi busaa fi koleeraan ajjeefame. Duuti saba nuti maqaa isaa himannuu bulchiinsa keenya jalatti akka du’a tisiisaatti ilaalame. Duuba gaafiin eenyummaa akkamitti dulloome?

Gaafiin dimokiraasiis qixaan hin deebine. Hagi tokko yaalamus danuutu hafe. Ragaa baldhaa dhiyeessuu dandeenya. Caffeen Oromiyaa otoo biyyi arguu fi dhagayuu sagalee koo hin ukkaamsinee? Akka Heera Oromiyaa keewwata 48(3)n tumametti, sun sagalee ummata naannichaa guututti ukkaamsu dha. Ammas Miseensonni Paarlaamaa Itoophiyaa masaraa beekamtii jaraatii ala qarshii biliyoona 500-niin ijaaramu irratti gaafii kaafnan hin ifatamnee? Dhibee dimokiraasii keenyaa ibsuuf kun qofti gahaa dha. Paarlaamaan raawwachiiftuu too’atuuf aangoo dhabnaan dimokiraasiin hidhameera. Kanaa alas agarsiiftoti danuudha. Yakka ilma ganna 30-tiif haadha dadhabnuu hin ajjeefnee? Waan Bara ADWUI-tuu hin tahin, badii dhirsaatiif niitii hin hiinee? Sirni haqaa Abbooy Sibaat-faa tasa hiikuun nu rifaasise hoo maaliif Abdii Raggaasaa fi Lammii Beenyaa-faa murtii malee hidhaatti rakkise? Warra Abbootii Gadaa Karrayyuu 14 ciibsee rashansiise hoo dimokiraasii akkamiitu aangoo irra tursiise? Nagaa ummata rakkoo keessatti nu filatee eegsisuu hin hanqannee? Otoo nu jirruu haati fi abbaan keenya bahanii galuu hin dadhabnee? Tan biraa hafee nu mataan keenya maatii gaafatuuf sochii gara qe’ee hin sodaannee? Nami seeraan hidhame mana hidhaatii baafamuun ajjeesamee bineensan hin nyaatamnee? Badii raawwatamu kamiinuu yoom nama gaafanne? Duuba gaafii dimokiraasii eessatti maaliin dulloomsine?

Amma sirnaan wal haa gaafannu. Gaafiin dulloome jiraaree? “Erga gaafii deebifnee bubbulle” jechaan dhugumaaree? Ijaarsi paarkii fi masaraa duruu gaafii sabaa hin turre. Dhimmoota sabaaf ijoo garii irratti ammoo waan hammaate malee waan fooyyate hin garre. Maaliif “Gaafii dulloome” jennee dhaadannaree? Amma sabaa fi biyyaaf ajandaa ijoon nagaa dha. Lafa nagaan hin jirretti gaafii deebisuu dhiisii jiruunuu eessa jira? Dubbiin asi!

Olaantummaan yaadaa qajeeltoo Badhaadhinaa ta’uu beekna..Kanaaf nagaan qabsoo yaadaa gegeessina. Utubaan badhaadhinaa nagaa ta’uu amanna. Kanaaf cabi siyaasaa keenyaa marii fi araaran akka hiikatu feena. Qumaara obboleeyyan wal-nyaachisuun qe’ee sabaa hongeessu dhaabuu qabna! Qarooma, tokkummaa fi cichooma saba keenyaa abdanna!Sabaa-sablammii waliinis hariiroo obbolummaa ni jabeeffanna! Duunus jiraannus hattuu fi shirtuu ni moona! Gaafiilee sadan deebisuun kabaja, qananii fi nagaa sabaas ni dhugoomsina!

Amma Mariin haa godhamu! Araarri fi nagaan haa bu’u! Nagaa, nagaa, ammas nagaa! Nagaan Badhaadha! Badhaadhinni nagaa alatti dhugoomu hin jiru! Jechuun Barreeffama Kana Obbo Taayyee Dendea Aredo Gama Fuula feesbuukii isaa irratti Maxxanse. Waan dubbiftaniif Galatoomaa Ulfaadhaa Yaada keessan Nuuf qooduu hin dagatinaa #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment