Namoonni Baayyeen Akkaataa Itti Viidiyoo hojjatan Sababa Wallaalaniif,Dandeettii isaan keessa jiru Baasanii Ummata Biraan Gahuu Hin dandeenye. Yookaan Ammoo Dandeettii Comedy fi Artii Qaban Fayyaddamanii Ofii Isaanii Fayyaduu hin dandeenye. Kanarraa Kan ka’e Viidiyoolee Gaggabaaboo Hojjatan Tiktokirraa Kaahuun,Namoonni Isaan Jalaa Fudhatee Haarawatti edit gochuun Ittiin Of tajaajilaa jira.
Amma garuu barri Jijjiiramee,Viidiyoo Gaggabaaboo Akkaataa Itti Hojjatatuun Dandahamu Youtube fi Feesbuukiinis Haala Mijjeessuun Koottaa Ummata keessan Booharsaa,Galii Mataa Keessanis Argachuun of tajaajilaa jedhanii,Akkaataa Salphaa Taheen Haala Isiniif Mijjeessanii jiran. Ammas Garuu Baayyee Namootaatif Dubbiin Hin Galleef.
Kanumarraa Ka’uun Muxannoo Baroota dheeraa Argataa dhufnerra dhaabannee Ummata keenya Barsiisuuf Karoora Baafanne. Akkaataa Itti Fayyadama Miidiyaalee Hawaasummaa Isin Baraiisuuf Kutannoon Ka’uu keenya Keessi Keenya Nutti Hasaasa. Maarree Meeqa Keessantu Baratuuf qophiidha?

Kunoo Guyyaa Arraa Takka Jennee Akkaataa Ittiin Viidiyoo Gabaabaa Youtube irratti Hojjatuu dandeessan Viidiyoo Olirraa Agartan Kanaan Isin Baraiisuuf Yaaleera. Akkasuma Akkaataa Ittiin Viidiyoo Lafatti Hoojjattanii fi Facebook irrattis Viidiyoo Gaggabaaboo itti Hojjatuu Dandeessan Takka Takkaan Kanan Isin Barsiisu taha. Viidiyoo arraaf qabannee dhufne Olirraa Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia