Waadaan Ummata Kiyya Ummata Jimmaa Abbaa jifaarif seene waan taaheef jecha,Osoo Haati Warraa Koo Garaan Guutuu Dhiisee dhufe jechuun Gammachuu Biyya Abbaa Jifaar Irraa Argate Himuun Tapha Isaa Kan Eegale Sheekaa Roobee Jijjiiramni Guddaan Jiraachuudha hima.
Jimma Abbaa Jifaar Biyya Jaalalaa fi Kabaja Namaaf Qabdu Biyya Hayyootaa fi Biyya Nama Hawwattu Tahuu Ija Kiyyaan Dhufee arge jechuun Jimma Dinqisiifatee silaa Xiyyaaran miti Miilaan Dhufuu qaba jechuun Jaalala Jimmaaf Qabu Himee Tapha Isaa Kan Aslii Waliin Namoota Kofalchiisanitti dabre.

Jijjiiramni Kana Caale eessa jira Aslii koo Mee atumti kunuu Ofilaali Bara Durii Maal fakkaatta Jechuun Qoosaa isaatin Ummata Gangalche. Oromoon Qilleensarraa Walitti wacu Kuni Ni kijibdi. Oromo Jechuun Biyya Keessa Lafarratti Ummata Jaalalaan Waliif Gaggabu tahus Ragaa Bahe. Waca Qilleensaa kana dhiisaa Tokkummaa fi Jaalala keenya duriitti haa deebinuu jechuunis gorse.