Funny Asliin yeroo Afaan Englishiin Jaalala Gaafatu

Yeroo baayyee Ani Saba Kanaaf Jecha Waggaa 27 Biyya chaaynatti Baradheen Doktorummaa argadhe jechuun Namoota Kofalchiisaa Kan turan Obbo Aslii Mohammed Gidduu kana Namoonni Baayyeen Haasaha Isaa Kana Dhaggeeffataa Koflaan gangalataara. Maaltu gale laata

Funny Oromo Comedy Asliin Yeroo English Dubbatuun Janajanuu fi Seenaa Waliin Afgaafii taasisuun Ummata Kofalchiisaniidha.

Asliin Irra Baayyee Haasaha Isaa keessatti Funny yookaan Qoosaa qoosuun Daawwattoota isaa Booharsaa turuun Ni beekama. Erga Gama Tiktok dhufee garuu Afaan English Kan Duraan yaalu Jabeeffatuuf jecha,Akkuma Warra Diyaaspooraa Jechoota English Haasaha Isaa keessa makuun Hawaasaan booharsaa jira.

Funny Dr Aslii Yeroo Afaan English dubbatuun Shamarree Biyya Gana janajanu

Haalli Kun Amala Itti tahee Shamarree Biyya Gaanaa Takka Waliin Tapha Eegale. Kanaanis Afaan English Qofaan akka walitti haasahu qaban Himeefi Teessuma Bareechan. Doktorri Waggaa 27 Biyya chaaynatti Barate Afaan English Hin beekumo jechuun Komantiin Baayyannaan, Dhaggeeffadhaa Ani Waggaa 27 Afaan Chaaynaatin Biyya Chaaynatti baradhe malee Englishiin Baradhe yoomin isiniin jedhe gaafa Asliin Jedhu Biyyi Koflaan Garaa Bilchaate.

Akka Maraafuu Qoosaan Aslii Namatti Tola. Intala isaa Seenaa Waliin Afgaafii Taasisan Kanaanis Ummanni Baayyee Kan Boohareefi Dandeettii Ishee Kan Arge Ummanni Baayyee Dinqisiifataa ture. Isinis dhaggeeffadhaa Ittiin Booharaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment