Jimaa fi shee Ali Jimmaa Ilaalchisee Sheik Amin Ibroo

Dhimmi Jimaa Humna Qilleensarraa,Humna Lafootti Bu’eera jedhe sheik Amin Ibro

Sheik Amin Ibro Dhimma Jimaa fi Shee Ali Jimmaa Ilaalchisee Yaada kennate

Jidduu kana Dhimmi Jimaa Ijoo Miidiyaa Hawaasummaa Tahuun Baayyee Namootaatin Hafarfamaa jira. Dhimmi kun Saba Keenya Kana Wal Afaan deebisaa jiraachuu Kan Hubate sheik Amin Ibroo Yaada Fi Gorsa Gabaabaa Hawaasa keenyaaf dhaameera.

Sheik Amin Ibro Dhimma Jimaa fi Sheik Ali Jimmaa Ilaalchisee yaada kennate

Sababni Dhimmi kun Ijoo Miidiyaa Hawaasummaa taheef,Sheik Alii Jimmaatu Osoodhuma Da’awaa Gochaa jiru,Jimaan Haraama Jechuun Dubbatan. Kanarratti Akkamitti Haraama Tahe Jechuun Daraaootafi sheekkota baayyeen Wal filmiin Uumame,Hawaasa Baldhaa jidduutti Owkara uume.

Dhimma Kana Ulamaa’onni Gurguddaan Baha Oromia,Kanneen Akka Sheik Muusaa Su’aalaa Namani Jimaan Haraama jedhu Nubira Dhufee Falmii Barbaachisu Gochuun Irratti Mariyanna jedhanii,Afeerraa taasisanii jiraachuu,Sheik Amin Ibroo Himuudhaan,Dhimma Kana Asumarratti Dhaabaa,Sheik Ali Jimmallee tasuma Kana booda Akka Hin Komanne jedhanii Gorsa Laataniiru.

Guutuu Haasaha Sheik Amin Ibroo taasisan kana Viidiyoo Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment