Artist Haloo Daawwee Artistoota Oromo Isaanowwan Bara Qabsoon Oromo hidda Hidhatuuf tattaafataa ture sana Bifa Hawwisootin Hawaasa Dadammassaa turan keessaa Artist Haloo Daawwee Nama Tokko Tahuu fi Artist Hangafa Shamarran Oromo keessaa Durarratti Yaamamaniidha.
Artist Haloo Daawwee, Akka Lakkoofsa Ethiopia Bara 1954 Kan dhalattee fi Erga Waggoota Muraasa Dura Dhukkuba Sukkaraan Dhukkubsachaa turte,Guyyaa kaleessaa Du’aan Addunyaa kanarraa Godaanteetti. Artist Haloon Bultiis Ijaarrattee Ilmaan Shan Argattee turtullee Ilmaan Sadii Du’aan Dhabdee,Lama Lubbuun Akka Jiranis Beekameera.
Artist Haloo Daawwee Waraana Bilisummaa Oromo Keessatti Dabalamuun Kilaashii fannifattee Oromiadhaf Baddaaf Gammoojjii Keessatti Rakkachaa Akka turte,Waahillan ishee dubbatu. Hawwisoo garagaraa irratti Bara Dukkanaa saniin,Sagalee Ishee Kiloolee sanaan Dabaaltee Yeroo Isheen Sirbitu,Ummanni Akka Onnataa tureefi Baayyinaan Waraanatti Dabalamaa ture tahuu Namoonni Haloo Beekan Ragaa Bahan

Obbo Jawar Mohammed Gama Isaatin Yeroo Joollee turetti Waltajjii ABO’n dhiheessee turerratti yeroo Artist Haloon Sirbitu,Hawaasni Miira Keessa Galuun Bakka Jiru ofwallaalaa ture jechuun Obbo Jawar Mohammed Waltajjii Bara 1992 Nannawa dhaloota isaatti Dhihaate tokkorratti Artist Haloo Daawwee argee turuu fi Dhaamsa Isheen Mana Hidhaa Qaallitii Dhuftee Isatti Dhaamtes Facebook isaa irratti Maxxansuun Haloo Daawwee Nama Oromoodhaaf Seenaa Guddaa Hojjatee dabre tahuu Ragaa baheera.
Artist Haloo Daawwee Guyyaa Kaleessaa Du’aan Addunyaa kanarraa Godaanutti Hawaasni Oromo Gadda Guddaa Ibsachaa Jira. Nutis Gamanumaan Rabbiin Jannataan Haa gammachiisu Jechaa Seenaa Ishee gabaabaa Viidiyoo olirra jirurraa Obsaan dhaggeeffadhaa isiniin jechuu feena. #UnitedOromia