Anuu Kanin dubrummaa Qabadhee taa’un Yeroo hunda Heerumeetin bahe jedhaa,Isin Maalif Waa’ee ilmoo teessanii dhossitan jetti Aadde Kuulleen.
Nutilleen Qoosaa Kana dhaggeeffannee Kofallaa Aadde Ashittiin Kaw jechuun Ammagaa. Hamzaan Abbaa Mudassir Itti Fakkaachun Ammagaa. Maraafuu Aadde Kuulleen Dhimma Hamzaa Kana Qoosaaf Akka jette ijarraa Muldhatullee,Akka Hamzaan Ashittii Fuudhu Fedha Akka Hin qabne ifatti dubbatte.

Maalif Walfuudha Jaraa Kanarraa Gammachuu Akka Hin Qabne,Kajeellaa Hamzaa Kajeelterraa Akka Taate Dubbatte. Maraafuu Waa’ee Ilmaan Artist Nasraa Gursum Hiccitii Dhugaa Tahe baasun Artist Nasraa Gursum Ilmaan Gurguddaa Lama Akka Qabdu Kan Aadde Nasraan Takkaa Hin Himin Himte.
Ati Akkamitti Beeyten Gaafi Ummataa ture. Aadde Kuulleenis Nasraa Gursuma Obboleessa Ishee waliin Yaman Keessa Jiraataa Akka Turaniifi Aadde Nasraan Ilmaan Lama Biyya Sanitti Akka Qabaachaa Turte Kakattee Himti. Dubbiin Kuni Dhugaa Tahuu Obbo Hamzaa Hajiis Erga Hasaassii Dhimma Kanaa Dhagahe Akka Nasraan Ilmaan Qabdu Mirkaneeffatuu Hime.
Maraafuu Qoosaa Qoosamu Keessa Dhugaa Dhokate Takka Nuuf Himtanii Galatamaa Jedhanii Ummanni Galatoomfataa Ture. Yoo Akkas Tahe Nasraan Tapha Maqaa Ustaazaatin Taphattu Kana Dhaabuu qabdi Jechuun Namoonni Yaada kennatanis baayyeedha. Isin Maal jettan? Guutuu Tapha Kanaa Olirraa Dhaggeeffadhaa Ittiin Booharaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia