Ilmi Namaa Hundi Ni Dogongora. Qulqulluun Rabbii Tokkicha Qofa. Ustaaz Nasir Hamzaa Aadde Kuullee fi Muniiraaf Gorsa Laateen Qabbaneessee, Gorsa Kanas Fudhatan. Oromoon Yeroo Gorsa Waliif Laatu akkanaan Bareeda.
Aadde Kuullee fi Muniiraan Jidduu kana Sababa Badii isaanii Namootaan Komatamaa turan. Rakkoon Akka Isin Tiktok Kana Fayyadamtan isin dirqe maali Jechuun,Ustaaz Nasir Hamzaa Gaafi Dhiheessef. Adde Muniiraan Rakkina Keessa Jiran Himuun Sababa Tiktok irra Bahanii Ummanni Ajandaa Isaan Taasiseef himte.

Biyya Namaa Kana Keessatti Umrii guutuu Fixataa jirra,jechuun Rakkoo Biyya Namaa Keessatti Keessa Jiran Tarreessuun Aadde Muniiraan,Sababa Kanaaf Jecha Asirra dhufnee Ummata Kana Waliin Booharuuf Asirra baane jechuun Himtiif.
Ustaaz Nasir Hamzaa Suutuma Gorsuun Oso Waan feetellee taatee,Rakkina Keessa Jirtu Akkaataa Amma Itti Jirtan Kanaan Furachuun Akka Hin Dandahamne Himeefi Gama Rabbii Deebi’uun,Zikrii Baayyisuun Waan Gaarii Hojjatuu qofaan Rakkinicha Ofirraa Furachuu Akka Dandahan Himeefi Isaanis Tole Jechuun Ustaazarraa Gorsa Qeebalan.
Wanni Guddaan Ajandaa Akka Ummataaf Taanu Nu godhe Ummata Komantii kana Waan taheef Akka Nurraa Itti Himtus jechuun,Ustaaza Gaafatanii Ustaaznis hunduma Keenyaaf Gorsa Bareeda Laateera. Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia