Akkaataa kanaan Namoota Ummataaf Ajandaa Baayyisan Hirrisuun Ni dandahama jedha obbo Aslii mohammed.
Akka waan Filatamtoota Aangoo Moorummaa argatanitti, Ummata Dura Tattaa’anii Ummanni Isaan Daawwatu kuni,Sababa Isaanii Dallanee Ajandaa Hin Baayyifneef jecha,yeroo Ammaa Kana Sirna Kakuutu ganda Tiktok sanatti Gaggeeffamuu eegale.
Dhugaadha Yeroo Ilaalan Qoosaa Fakkaata,tahus garuu Sababa Isaanii Akka Namoonni Walirratti Hin Duulle fi Kaba Oromummaaf qaban,agarsiisaniif akkasuma Walii Isaanii Akka Hin Arrabsine,Namoota Ummanni Itti Aare,Waadaa yookaan Sirna Kakuu Oromummaa Waan fakkaatu,Obbo Aslii Mohammed,Namoota Muraasa Ummata Duratti Kakachiiseera.

Namoota Sirna Kakuu Kana Raawwatan Keessaa tokko Kan Tahe Presdant Maammee Yookaan Maqaa Qoosaa Isaa Abbaa Imaanaa Finfinnee jedhee Kan Ofwaamu,Saba Ummanni Itti Dallaneef jecha Sirna Kakuu Kana Obbo Asliin Kakachiisee,Ummanni Akka Dhiifama Godhuuf Taasiseera.
Kan Lammadaa Aadde Kuullee Yusuf yemmuu Tahu,Aadde Kuulleen Komantii Namootaatiin Dallantee Ummata Mufachiisuu isheetif Jecha Lammada Komantii fi Jechoota Namootaatin Akka Miira Keessa Hin Galleef jecha Obbo Asliifhaan Sirni Kakuu Gaggeeffameera.
Sirna Kakuu Waan Fakkaatu Qoosaa Dubrummaa Qabdaa jedhuun Kan Ummata Kofalchiisaa Ture Obbo Mubarak Musammaas,akkaatuma Kanaan Dargaggoota fi Shamarran Muraasa Walitti Qabee Ummataan Kofalchiisaa Turuun Kan Yaadatamuudha.
Walumaa Galatti Sagantaan Asii Olirraa Viidiyoo guutuu dhaggeeffattan Kuni Baayyee Kan Nama Kofalchiisufi ergaa ofkeessaa qabuudha. Akkaatuma Kanaan Aadde Kuullee Yusuf fi Aadde Muniiraan Dhumarratti waan dhaammatan qaban. Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia