Yeroo Garii Wantoonni Deemaa jiran kuni Gorsa Namoota Gurguddaa Haasawni Isaanii Ummata Biratti dhagahamu Hawaasa Barbaachisa.
Gidduu Kana Tiktok Irratti Wantoota Silaa Nama Boochisu Kan Dhaloonni Ammaa Qoosaa yookaan Tapha Sehee itti koflun arge. Wantan Arge sana Hundumaa Dhiheessuf Natti Ulfaatullee,Ittiin Gorsuuf jecha Viidiyoo Qofa Fayyadame. Sababni isaas,Ijoollonni Abbaa Keenya Kana waan akkasii Livii Irratti Dubbachiisan Akka Gorfamanii Lammada Itti Hin deebineef jecha.
Abbaan Keenya Kuni Shamrree Risqoo Jedhamtu Waliin Dargaggoonni Muraasni Akka Haasaha Yookaan Wanta Fokkuu Risqoon Haasoftu Sanirratti Hirmaatee deebii Kennuuf taasisan. Kuni Ammoo Nama Umriin Guddaa Kan Boolla Afaan Jiru kana Masjidatti Galchanii Ibaadaa Akka Godhatuu fi Rabbii Isarraa Araarama Akka Argatu Taasisuu Caalaa Akka Fokkuu Garee Risqoo keessatti Hirmaatun Hawaasa Ofwallaale Kana Kofalchiisu Taasisuun Isaani Sirrii Miti Jedhee waanin Yaadef Akka Irraa Gorfamaniif Hawweetin dhiheesse.

Inni Lammadaa Akka Qoosaa Sehanii Ijoollee Wal arrabsiisan Yookaan Akkaataa Hawaasni Keenya Gaafa Walitti Bu’e Bahee Jedhu Agarsiisuuf Ijoollee Xixiqqoo Olbaasun Viidiyoo waraabanii Akkana Jedhi akkas jedhi jechuun Duuba Dhaabatanii Wanta Hin Malle Namoota Hojjachiisan Saniif Gorsa Akka Tahuuf Dhiheesse.
Inni Sadaffaa Gorsa Gabaabaa Haadha Faaxeeti. Gorsi Kuni Shamarran Fi Haadhaaf Abbaa Bara Kanaa Akkasuma Dargaggoota Ilaallata. Keessaafuu Namoota Nikaa Namaatin Heerumanii fi Heerumsiisaniif Gorsa Bareedaadha jedhee waanin Yaadefin dhiheesse. Ittiinis Booharaa Gorsa Kanas Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia