Haalli Nuti Yeroo ammaa Keessa Jirru Nama Yaachisa jechuun Sheik Abdusalam Gorsa Gabaabaa Ummata Keenyaaf Laate.
Sheik Abdusalam Gorsa Kana Kan Laate,Haala Fokkotaa Shamarran Muslimaa Yeroo Ammaa Tiktok Irratti Tahaa Jirtuu fi Dargaggoonni Shamarran Kana Daranuu Akka Hayaa dhaban gochaa jiran kana Ilaalchisee Hayaa Jechuun Maal Akka Tahe Himuun,Haala Kanaan Gama Fuula Duraa Maaluma tahuuf jirra jedhee Yaaddoo qabus Ibsatuun Gorsa Jajjabaa Gorse.

Akkamitti Ilmoon Namaa Hawaasa Safuu Beeku keessaa dhalatte takka Safuu Dagattee,Jechoota Shamarran Muslimaa mitii, Dargaggeessa Durriyyee tokkorraahuu hin Dhagahamne Livi Irratti Yaatanii Dubbattan Jechuun,Jechoota fi Gochoota Ummanni Keenya Tiktok Irratti Fayyadamaa Jiran Kana Akkaan Balaleffatee Gorsa Haadisa Ergama Rabbiitin(S.A.W) Dabaalameen Ummataaf dhaame.
Gorsa Sheik Abdusalam Dabaran kana Olirra Guutuu isaa dhaggeeffadhaa Namoota Jireenyi Tiktok Dage hunda Biraan gahaan dhaamsa keenya Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia