Irreechi Ayyaana Oromon Bara duriitii kaasee Kabajataa Turee fi Sirni Kadhannaa Hordoftoota Amantaa Waaqeffannaa keessatti Taasifamudha waan taheef Hordoftoonni Amantaa Islaamaa Bakka Sanatti Argamuun Sirrii Miti jechuun Shekkotiin Akka Shirkii Tahe Hawaasa Islaamaa Barsiisaa turuun Beekamaadha.
Akkamitti Irreechi shirkiidha jettan,jechuudhaan Namoonni Gariin Duula Bananii Gamaaf Gamanaa Wacni Gidduu Oromootatti baayyate. Dhimma Kana Ilaalchisee Mohammed BinAljaziiraa Yaada Gabaabaa kennate. Yaada Isaa Kanaanis Wanti Sababa akkanaa Oromoo walitti duulchisuuf hin Jiru Jechuun gorsa kenne.
Erga Sheekkotiin Yookaan Dureewwan Amantaa Islaamaa Bakka Kana irraa Akka Qooda fudhachuu hin qabne sababa waliin Hawaasa Tajaajilaniif Himanii,Sababni Ani Akka Nama Islaamaa Tokkotti Bakka Kanarratti hirmaadhuf hin jiru Jechuun Yaada Isaa Kennatee,Islaamaf Ammoo Bakki Shirkii dhoorgaadha Waan taheef Jecha Nu Ofkolchaa Jechuun Yaada kennate.
Akka Maammeen jedhetti Sababa Wallaluma kootii waggoota Baayyeef Irreecha Dhaqee Irreeffataa Akka Turelle Himuun Rabbiin Nama Isatti Sharrakeef Hin Araaramu,kanaaf jecha Wanta Amantaa Kiyya Faallessurraa,ergan Hubannoo argadhe Dirqama Hafuu akkan qabu Murteesse jedheera.

Sababa Kanaaf jecha Akka Nama Islaamaa Tokkotti Bakka Kanatti Argamuu dhabuun kiyya Ammoo Oromummaa Kiyyarraa Wanti Hirdhisu Tokkolleen Hin jiru waan taheef jecha Namoonni Akkasitti Yaaduun Hawaasa Islaamaa Komattan Ilaalcha keessan Sirreessaa jechuunis gorseera. Kanuma Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia