Kijibdoota Ustaazota Maqaa Balleessaa jiran Muraasa

Dubbiin Akka Taphatti Munashidoonni keenya Dubbatan Ajandaa Guddaa tahe.

Shamarran Maqaa Ustaazotaan Like fi follow Barbaada kijibaniif deebii gabaabaa

Ustaaz Ibsaa Namni Jaalattan Mee harka baasaa Kan Jedhan Manashidoonni,bakka gargaarsa Madrasaa Bilaalif Taa’anitti,Ummata Booharsuuf Yookaan Kofalchiisuf Dubbii Dubbatameedha. Tahullee garuu dubbiin kuni Ajandaa Guddaa Hama Baayyisee,Baayyee Namootaa Kofalchiisuu fi Boochisuun Gahee Taphataa Jiruudha taate.

Namni Dubbii Sana Jalqaba Utaalee irra Bu’e Artist Nasraa Gursum ture. Warri kuun Ammoo Nasraa Irratti Duula bane,Akka waan dhugaa Taatetti Ajandaa Irra deddeebiin Maxxansitee Ummatatti dhugaa Fakkeessite. Kuni maalif Tahe? Aadde Nasraan Qoosaaf Akka Hin jenne dubbatti. Garuu Namoonni Ishee beekan Follower barbaada fi Like barbaada Kijibdi jechuun Irratti duula banan.

Shamarran Maqaa Ustaazotaan Tiktok daldalataa jiraniif deebii gabaabaa kenninedha.

Ustaazonni Kijiba isaanii kana Homaa Irraa Quba Hin qaban. Amma Ajandichi babaldhatee,Ustaazota Gurguddalleen qoosamuu jalqabamee,shamarran Tiktok irraa Fasaada baayyiftu baayyeen isaanii Kopha Kophatti Ustaazotarraa Akka Jaalalti Isaan qabde Himuun Daldala Tiktok ittiin gabbifataa jiran.

Kanarratti Hundoofnee Gorsaa fi Dhaamsa Akkasuma Haala Isaanii Agarsiisuun Viidiyoo olirraa agartan sankeessatti Qindeessine isiniif dhiheessine. Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment