Sheik Amin Ibro Naaf Birmadhaa Jechuun Dhimma Madrasaa Bilaalif Dhaamsa Dabarse

Salphina Kana Hunduma Keenyatu itti Xiqqaata. Dhimma Madrasaa Bilaal Magaalaa Harar

Sheik Amin Ibro Waamicha Dhimma Gargaarsa Masaraa Bilaal Magaalaa Harariif

Sheik Amin Ibroo Rabbii Gaditti Abdii teessanin Madarasaa Bilaal Kan Amma Sababa Isaa Ulamaa’onni teenya Isinitti Iyyataa Jirtu Kana Fuudhe. Sababaa Maallaqni Isarraa Hin kafalamin Barattoota Keessaa Baasun Nu Harkaa Deebisaa Jiran. Rabbiin Duniyaa Isiniif Kenne Kana Isiniif Haa Dabaluu Nu dhaqqabaa jechuun dhaamsa Hunda keessaniif dhaame.

Sheik Amin Ibroo Dhimmi Mana Barnootaa Dhimma Hegeree Ilmaan Keenyaati waan taheef,Namuu Madarasaa Kana Gargaaruuf Dirqama qabna jechuun Yaadachiisee,hubadhaa Namani waan qaburraa Madrasaa Kanaaf Kennate,Hanga Madrasaan Kuni Jirutti Sawaabni Isiniif Deema jechuunis Wanti Asirratti Baaftan Toltuu Biyya Lachuu isiniif Taati jechuun Yaadachiisaniiru.

Sheik Amin Ibroo Waamicha Dhimma Madrasaa Bilaal Magaalaa Harar Ilaalchisee taasise.

Dhimmi Madarasaa Kanaa Dhimma Muslimtoota Hundaa Akka tahes Himuun,Yoo Wanni Kuni Nu Harkaa Bahe Booda Rabbilleen Irraa Nu Gaafatuun sodaadha Jedheera. Akkasuma Akkuma Muslimtoota Tokkotti Maallaqa Xiqqaa Kana Kafaluu dadhabaaf Bakka Kana dhabne taanan Numaafu salphina jedhaniiru. Kanaafuu Hundi Keessan Hirmaadhaa Jechuun Waamicha Kana Akka waliif Dabarsuu qabdanis Yaadachiise. Hundi keessan Hirmaadhaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment