Rakkoon Hawaasa Keenya Qilleensarraan Wal nyaachisan tuni Yaaddoo Hamaa Natti Uume jechuun Sheik Amin Ibroo dhaamsa Hatattamaa Dhaame.
Sheik Amin Ibroo Rakkoon Gosummaa Lalisuun Qilleensa Kanarratti Hawaasa Keenya Wal Nyaachisaa jiran tuni,Hirriba Na dhiowwite,Nan dhiisa jedhellee Nan dadhabe,Osoo Ulamaa’ota fi Beektota Meeqa qabnu Hawaasa keenya nagahaan waliin Jiraatu,Dhibdee gosummaatin,wallaaltonni Qilleensarratti Akka Wal nyaatan Gochaa jira.
Rakkoon Akka Amma Qilleensarraan Afuufanii Maqaa gosummaatin Wal nyaachisan tuni Hawaasa Keenya Biyya Alaa Jiraatu Caalatti Miidha jechuun Gorsa Kan Laatan sheik Amin Ibroo,Ani Waanin Qabatamatti argen qaba,Rakkoon Kuni Jaarsaaf Jaartii Addaan Baasuu Dubbatee,Maqaa Rabbiitin Isin qabee Dhaabaa Waan kana Jechuun Gaafateera.

Namni Viidiyoo sheik Amin Ibroo Kana Agartan Rabbumaa jedhaa Hunda Namoota Gosummaa Oofuu biraan Gahaa isiniin jenna. Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. Yaada Keessan Nuuf Katabaa. #UnitedOromia