Mana Taaziyatti Akka Ulfeesse Himatte. Obbo Haarun Garuu Dubbii Kana Haaleera.

Takka jennee Lama Jenna. Gaafa Waliin Gangalatan Nuttin Himne Gaafa Walirraa Garagalan Maa Nu Rakkisan?

Mana Taaziyatti Obbo Haarun Aadde Aashaa Ulfeessu Himatte.

Akka Tasaa Tahee Taaziyaatu mana Obbo Haarun Ture. Shamarri Aadde Aasha jedhamtu Hiriyoota ishee sadi waliin Akka Taaziyaa sana dhaqan himti. Achiin Wanti Tahe tokko isaan lamaan jiddutti uumame. Intalli Wanta Tahe Hunda Ni yaadatti. Haarun garuu Dubbii Tana Liqimsuu dide. Maalif Dhugaa kana Nu dhossitaan gaafii manguddoota Akka Asliifaa biraa dhihaattedha.

Namni Fedhiin Itti Hammaatte akka Nama Machaaheti,Wanta Yeroo sana Uumame,homaa hin yaadatu,warri jedhee Akka Dagate Obbo Haarun Yaadachiisuf yaalanilleen ni jira. Akka Hundaafuu Shamarreen Himannaa Kana Dhiheessite,ilmoon garatti Hafuun Yaaddoo guddaa keessa seente. Maaltu Naaf Malaa Hiroota isheetin Mariyattee,Akka Dirree fasaadaa tan Takaatika sanirratti Manguddummaan Gaafattu Gorfamte.

Ashaan Akka Haarun Mana Taaziyatti Ulfeesse Asliifatti Himataa jirti

Haadha Eenyu siin jennaan,qoosaa Aslii Biraa dhihaattedha. Hiriyyaan Ishee Akka Haadha Naaf jedhii jedhee waamu itti Himnaan Biyyi Kofla Gangalate. Ee magan jedha warri keenya Gaafa waan akkanaa dhagahu. Gaafa Waliin Gangalatan nuttin himne Gaafa Walirraa Gala galan Maalif Nutti Himtaniin Yaada Hawaasa Afaan Qabatee dubbii kanatti seeqqataa dhaggeeffatuuti ture.

Kan Nama Dinqu Mucaan Ilmoon Tiyyaa Miti Jechuun Osoo Intalli Kakattee dubbattu Akka Ishee waliin Hin Rafin Afaan Guuttatee dubbatuu qofa Osoo hin tahin Akka Isheen Gara laafettii taate beekee Manguddoof himuu isaati. Ni Kofallaafi Boonyaa Addaan wallalle. Kiw jechuun ammagaa. Ilmi Nikaa Malee dhalate duraanuu Abbaan Isaa Diqaalaa Akka jedhamu Barataa turre.

Amma Furmaanni ishee maaligaa? Akkam Gochuu qaban? Tan duraan duraa,Mucaan Afaanin Nan kakadha jedhee Akka Ilmoon Tan Isaa Hin tahin Nutti Himuuf Yaalullee Kakatuu sodaateera. Kanaafuu Gaafa Ilmoon dhalatte mana Yaalaa Geessaa Dhiiga Laalaa Murteessaa warri jedhus Ni jira. Isin Maal jettan? Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

One thought on “Mana Taaziyatti Akka Ulfeesse Himatte. Obbo Haarun Garuu Dubbii Kana Haaleera.”

Leave a comment