Paastar Sisaay Akkam Tahe jettan? Ustaaz Hamzaa

Ani Paastariidha. Finfinnee keessa waggaa 15 oliif Tajaajila Wangeela Lallabuu Kennaa Jira. Amma Garuu Amantaa Islaamaa Qabaachuun Barbaada jechuun fedha isaatin Amantaa Islaamaa Akka seenuu Fedhu Kan Hime Paastar Sisaay Badhaadhaa,Amantaa Islaamaa Qabatee Ummannis Ijoo Miidiyaa Hawaasummaa Godhachuun Irraa Haasahaa ture.

Dhimma Paastar Sisaay fi Warra Harka tumuuf Dhaamsa Ustaaz Hamzaa

Paastar Sisaay Faarfataa Akka Ture Vediyoo Dabre Tokko Keessatti Dubbateera. Fedha Isaatin Amantaa Islaamaa Qabate. Tahullee Garuu Arra Amantaa Islaamaa Keessaa Akka Bahee Jiru Oduun Facaate. Hawaasni Muslimaatis Waan Dandahuun Tiktok irratti Gargaaree Akka Tureetu Dhagahame. Nama Amantaa Qabate Yoo Rakkina Qabaate Gargaaruun Akka Gadi Dhaaban Amantaa Islaamaatu Ajaje. Kanumaaf Ummanni Gargaaruutu dhagahame.

Paastar Sisaay Badhaadhaa Ilaalchisee Ustaaz Hamzaan Gorsa Ummataaf qaba.

Amma Ammoo Akka Waan Birriidhaan Isa Bitanitti Garee jaarratee Keessatti dubbataa turan. San Qofa Miti Fedhiin Isaanii Ummata Amantaan wal nyaachisuu Akka Tahe,Arrabsoo Garee Sana Keessatti Ittiin Amantaa islaamaa Xiqqeessan Yeroo Dhageenyu Baayyee Gaddine.

Wanti Akkasii Nama Amantaa Tokkorraa Hin eegamu. Amantaan Kamuu Kabaja qaba. Amantaa Jechuun Rabbii Gabbaramuu Haqa Godhatu jedhanii Yaadanitti Amanuudhaan,Ajaja Rabbii Gabbaranii Sanatti Buluudha,malee Ittiin wal xiqqeessuu miti.

Haalota Dhimma Kanneenin walitti Hidhaturraa Ustaaz Hamzaan,gorsa hoggaa Kennu,Amantaan Waan Ittiin Qoosan Miti. Kanaafuu Namoota Beekkamtii fi Birrii Barbaada Amantaa Qabanne jedhu Addaan Baafadhaa Maxxansaa Malee,Hunduma Namaa Amantanii Birriis tahee Beekkamtii Hin kenninaafi jechuun Gorsaa Jira.

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment