Sheik Amin Ibroo Muhaadaraa 5ffaa Biyya UK irraa/Hawaasummaa

Muhaadaraa 5ffaa Biyya UK Irraa Sheik Amin Ibroo Guyyaa Arraa Taasisan Kanaan,Rakkoo Kijibuu,Oduu Kijibaa faffacaasuu fi Hawaasa Walirratti Jechaan tahus Gochaan Kaasuun Wal Nuaachisan Irratti Cimsee Ergaa Gurguddaa Hundi Keessan Dhaggeeffatuu Qabdan Dabarseera.

Sheik Amin Ibro Dhimma Oduu Simbirtuu fi Nama Jechaa fi Gochaan Ummata diiguu Ilaalchisee Gorse

Sheik Amin Ibroo Dhimma Kana Hoggaa Irraa Haasahu,Akkaan Gurra Keessan Naaf Liqeessaa jechuun,Jajjabeessee Akka Hundi Namaa Afaan Kana Beekuu dhaggeeffatuu qabu dhaaman. Dhaamsi isaanii Kuni Kan Diin qofa Osoo Hin Tahin Kan Duniyaatif Hundi keenya Hojirra Oolchuu Akka qabnus akeekkachiiseera.

Sheik Amin Ibroo Dhimma Oduu Simbirtuu jedhanii,Odeeffannoo Qulqulluu hin tahin faffacaasuu Ilaalchisee,Hammeenya Oduun Madda Hin qabne faffaca’uu Hawaasa jiddutti Uumtu Himuun,Dilii ishiin Namarratti lakkoossiftu himee,Namoota Oduu Kijibaa Faffacaasaniif Gorsa Ajaa’ibaa Dhaameera.

Osoo Hin Dubbatin Dura,Haasaha Dhageessan Tokko Akka Namaaf Hin Odeessines Cimsee Himuudhaan,Osoo Oduun Dhageessan suni Dhugaa taatellee,Osoo Nama Biraatif Hin Dabarsin dura Irratti Mariyattanii,Yoo Wanti suni Miidhaa Hawaasarra kan geessisu tahe,irraa Of qusatuun Faffacaasuu dhiisuu Akka qabnus dhaame.

Sheik Amin Ibroo Dhimma Oduu Simbirtuu fi Hawaasa Diiguf Jechaafi Gochaan Miidiyaa Hawaasummaa Irratti hafarfaman irraa Gorse

Gama Biraatin Namoota Jechaa fi Gochaan Jibba Hafarsaniif Dhaamsa Jabaa Dhaameera. Akkasuma Namoota Akkasii Jalaa Oduu Fuutanii Akka Hin Faffacaafnes Jajjabeessee Himuun,Haasaha Booharsaa Ummata Kofalchiisu Itti dabalaa Viidiyoo olirraa Agartan Kana Akka Ummanni Hanga Dhumaatti Taa’ee Dhaggeeffatus Taasiseera. Isinis Ittiin Booharaa,Irraahis Akka Barattan Isin Afeerreerra. Obsaan Dhaggeeffadhaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment