Gorsa Dhaggeeffatamee Hin Quufamne Sheik Amin Ibroo Biyya UK irraa

Namni Yoo Likkii Ofii Beeke gaaridha. Namni Bakka Irraa Ka’e Hin Beeyne Bakka Itti deemullee hin beeku. Sheik Amin Ibroo Gadi qabee Haala Nuti keessa Jirruu fi Fedhii Jireenya duniyaatif jecha Keeyrii xiqqoo qabnullee Ofjalaa balleessaa jirru kana Ilaalchisee,Muhaadaraa Arra Yeroo 4ffaatif Biyya UK Magaalaa Sheffield Keessatti Taasise Kanarratti,Waan Dargaggoonni Ofii daddabanii Jaartii Saaliha Naaf Barbaadaa Jedhanirrattis,Gorsa Ajaa’ibaa Laateera.
Haasawa Isaa Kan Namuu Jaalatu,Kan Qoosaa Keeyriitin Dabaalamee Nama Hin Hiffifne Kanaan,Haala Qalbiin Teenya Itti Goggooydee Dawaa Fudhachuu didde Kanarraahis Gorsa Ajaa’ibaa Kenneera. Namni Obsaan Haasaha Yookaan Gorsa Sheik Amin Ibroo Taasisu Kana Dhaggeeffate,Akkuma Nama Mana Entertainment dhaqee kofla Barbaada,Birrii Kafalee Achitti Koflu Daran Bilaasha Koflaa,Waan Duniyaaf Aakiraa Nama Fayyadu Irraa Barata.
Sheeka Keenya Sheik Amin Ibroo Rabbiin Ummata Kana Keessatti Umrii Isin Haa dheeressu Jechaa,Gorsa Isaa Bareedaa Kana Waliif Daddabarsuun Hunda Biraan Akka Geessanis Kabajaan Isin Gaafanna. Isinilleen Viidiyoo olirra jiru Kana Akka Dhaggeeffattanii Irraa Barattan Isiniif dhaamna. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia