Muhaadaraa Sheik Amin Ibroo Hawaasa Oromo Biyya UK Bolton Jiraatu Waliin Taasisan
Waltajjii yookaan Muhaadaraa Kanarratti Hirmaatuf Shittoo Dibatee,Ganamaan Ummataaf Dhaamsa Kan Dhaame,Artist Kadir Martuu kan Yeroo Ammaa Kana Baayyeen Namootaa Artist Kadiir Osoo Hin Taane Ustaaz Kadir Jechaanii Jiru Obboleessi keenya Kadir Martuu,Sheik Amin Ibroo waliin Wal Arguu isaattii Gammachuu Qabu Ibsataa jira.
Sheik Amin Ibroo Waltajjii Kanarratti Gorsa Ajaa’ibaa Haasaha Isaa Kan Dhaggeeffatamee Hin quufamne saniin,ummata booharsaa,Waan Jiruu fi Jiruu Booda Aakirattis Jiruu Teenya Zalaalam Bareechu,Gochoof Maaltu Nurraa Eegama jedhee Gorsa Ajaa’ibaa Ummataaf dabarseera.

Kabajamtoota Dhaggeeffattoota keenya Haasaha Sheik Amin Ibroo Waltajjii UK Bolton Irratti taasise kana Olirraa Guutuu isaa Dhaggeeffadhaa Keeyrii tana warra hin Dhaggeeffatin Hunda Biraan gahaa hoggaa isiniin jennu,Kabajaafi Jaalala isiniif qabnu waliini. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia