Shamarri Isheen Mubaarak Waliin Suuraa Agartan Kana Osoo Hin Taane Shamarran Tiktok Irraa Geemii Taphatan Baayyeen Giiftaroota isaanitiin Qullaan isaanii waraabamaa Jiraachuutu,Himamee Mubaarak Dhimicha fidee dubbataa jira.
Shamarri Ammaaf Maqaan Hin Beekamin takka Boohaa Mubarak Musammaati Dhimmicha himatte. Mubaarak Musammaa Dhimmicha akkuma dhagaheen,Namicha Wanta kana hojjatetti bilbiluun Yaada Achii argateefi,Akkasuma Rakkoo walfakkaataa Argamerraa Livii seenee yaada kennataa jira.

Wanti Akkasii Kuni Bubbulee jira. Haa tahuu malee Namni Dandahee Olbaasee Dubbatu Hin turre. Ni sodaatame. Haa tahuu malee Shamarri Amma Mubaarak Dhimma ishee dubbattu suni,Akka Giiftarri Giiftii Biteefi Tiktok irratti Geemii Taphachiisaa ture,Qullaa ishee waraabe himte.
Akka Mubarak Waa’ee shamara tanaa himutti,Intalli Kuni Harmee isheetu dhukkubsate. Mana Maadaamii Hojjattee,Waldhaanuu Rakkatte. Sababa kanaa Geemii irraa Galii Argattu Kana Harmee isheetin Waldhaanatuuf Giiftaroota Ishee Kanatti dhihaachuu eegalte.
Giiftaroonni Baayyeen Shamarran Giiftii kennaniif,Keessaan Janajjanu. Qullaa isaanii ilaalu. Kanarraa Kanka’e Isheenis Waraabamtee Dhimma Kana Mubarak Akka Giiftara ishee waraabe kana Gaafatuuf Kadhatte. Asumaanuu Shamarran Tiktok irraa Geema taphattan Namoota Akkasii Kanarraa Akka Of qusattaniif Sagantaa kana isiniif dhiheesse. Guutuu Viidiyoo Olirra Dhaggeeffadhaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia