Shamarran Keenya Biyya Faranjii Abbaa Warraa Keessan Akkas gochaa jirtuu? Sheik Amin Ibroo

Gorsa Hawaasummaa Sheik Amin Ibroo Dhimma Shamarran Keenya Biyya Faranjii Ilaalchisee

Sheik Amin Ibro Gorsa Hawaasummaa Keessaafuu Shamarran Biyya Faranjiitif Dhaamsa Jabaa

Dur Biyya Keenyatti Abbaan Warraa Haadha a Warraa isaa Akkuma fedhe gochuun bulchaa ture. Inumaa Kan Gariifaan Uleedhaan Baayyisee dhaana/Tuma. Akka waan shamarran keenya Hijaa bahataa jiranii waan fakkaatu,bara kana Shamarran Biyya Faranjii Jiraatan Abbaa Warraa isaanii Ajiba Gochaa jiran.

Kan Silaa Ajajuu qabu Abbaa Warraati. Garuu Barri Faallaa tahee,dubbiin Hijaa Bahannaa waan fakkaatu,Shamarrantu Akka ofii fedhetti Dhiirota bulchaa jira jechuun,Sheik Amin Ibroo dhimma kana Gadi Jabeessee Gorsa Laataa Jira. Nuti Duratti Gaafa Haadha warraa teenya Tumnee,Nujalaa sokkite,Manguddummaa Erginee galfannaa,Isinis gaafa Abbaa Warraa Keessanitti Aartanii Alatti Ofirraa Ariitan,Maaloo akkuma keenya sanitti sokkituu galfadhaa jechuun Gorsa Ajaa’ibaa kana dabarsaa jira.

Sheik Amin Ibro Gorsa Shamarran Biyya Faranjiitif

Baratu Geeddarame,Aangoon Abbaa Warraa Haadha warraa Harka gale. Bultiin Namoota Baayyee Baddee,Ilmaan isaanii Abbaa malee Guddatuu eegalan jechuun Yaadachiisee,Gamni lachuu waliif obsuu fi Irra Walii Kutuun Bultii Ofii Jabeeffatuu Akka Qabus Gorsa Bareeda Haala Nama Kofalchiisun dabarseera.

Ummanni Keenya Gosummaa fi Gandummaan Wal qooduun,Jidduu keessanitti Jibba Babaldhisuu dhiisaatii Tokkummaa keessan Jabeessaa jechuunis,Gorsa Tokkummaa Jabeessuu dhaameera. Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment