Waa’een Ajjeefamuu Comedian Soraa Abdataa Ammayyuu Gaafi Hawaasa Oromoo Guutuuti.

Jidduu Kana Dhimma Du’aan Boqochuu Comedian Soraa Ilaalchisee,Mohammed Binu Aljaziiraa fi Art Kumsaa Taammanaa Dabalatee Hiriyoonni Comedian Soraa Mana Maammeetti Marii Gochuun,Waan Obboleessi Comedian Soraa dhimmicha Ilaalchisee Dubbate,Viidiyoo Gama Tiktok Kumsaa(Hiree Drama) irratti Maxxanfamee ture. Viidiyoo kana Kan Daawwate Hawaasni Oromoo Komii Qabaachuutu Hubatame.
Komiin Hawaasichaa,Mucaan Inni Guddataa Abdataa jedhamu Kuni,Akkaataan Inni Itti Dubbatu,Nama Dhugaa Soraa Baasu Osoo Hin Taane,Nama Dhugaa Isaa Dhossu fakkaata jechuun Kuni Obboleessa Soraa Miti Nuuf Yaa Qoratamuu,yookaan Obboleessi Isa Dhugaa Dhimma Soraa Nuuf Haa Ibsuu Waan jedhuudha ture.
Gama Biraatin Namni Obboleessa Soraa Tahe tokko Akkamiin Miira Gaddaa Tokko Malee waa’ee Artist Soraa Nutti Odeessa jechuunis Komatama. Kanarratti Artist Kumsaa Taammanaa,Isa Video Obboleessa irraa Waraabes Ija qeeqaatin Ilaaluu fi Komantuun Cimee itti Fufnaan,Dhimma Kanarraa Mana Mohammed Binu Aljaziiraatti Marii Taasisanii Yaada kennataniidha. Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia