Lubbuudhaan Jiraatee Kitaaba Hin Duune jedhu barreesse. Kitaabichas Ummata Oromo Biyya Dubai Jiraatu Giddutti Haala Hoo’aa taheen eebbise. Ofii Mohammed Deeksisoo eenyu?

Mohammed Deeksisoo Bara 2020 Univasty Jimmaattii Barnoota Isaa Xumuruun,Guyyaa Hawwiin Barattoonni eeggatu Guyyaa Eebbarra gahame. Barattoota Kumaatama keessaa Bakka Mootummaan Naannoo Oromia fi Aanga’oonni Gurguddaan Argamanitti Ol ka’ee Haala Yaachisaa fi Rakkisaa Ummanni Keenya keessa jiruu fi Hayyoota Keenya Badii Malee Hidhamaniif sagalee tahe.
Maalif sagalee taate jechutti kan gadde Mootummaan Obboleessa keenya kana Ukkaamsuun Mana Hidhaatti darbate. Turtii yeroo dheeraa booda Akka Badiin qabne Manni Murtii Ifa taasisuun Hidhaarraa bahe. Achiin Doorsisni waan itti jabaatef biyyarraa baqate. Biyya Kenia erga tureen booda Haala Ummata keenyaa irratti Kitaaba Hin Duune jedhu barreesse.
Kitaaba Kanas erga Biyyatti Marsaa duraa Eebbisanii booda,Biyya dubai imaluun Guyyaa Arraa Kitaaba Hin duune jedhu haala hoo’aa fi Gammachiisaa taheen eebbisiise.
Sirna Eebbaa kanarrattis Taatee Guyyaa eebba isaa sana tahe yaadatuun seenessan. Kitaaba qofa miti jechuun Akka Haarawatti Obboleessa keenya kana uffata eebbaa itti kaayuun eebbisan. Oromoonni Biyya Dubai Hedduu galatoomaa isiniin jechaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia