Hamzaa fi Ashittiin Yeroo Yaadaan Haalalarraa Jaalala waliif kennan

Sila Jarri Kuni Lameen erga wal fuudhani Amma Torbee lama gahaa jiraa,Yoomitimmoo Ilmoo Argatanii sossobaa jiraniin,Yaada Namoota Komantii jalatti Katabanirraa Arganneedha.

Obbo Hamzaa Fi Aadde Ashittiin Yeroo Jaalala waliif qaban Livirratti ibsataniidha.

Jaalalti isaanii Kuni Kanuma qilleensarraa qofa tahee hafuuf jiramoo,Akkam waansaa jedhee kan yaaddoo qabu ibsatulleen baayyeedha. Ani Ammoo Jaalala isaanii kana ilaaleen yaadaan sokkee,Biyya galee,Akkaataan itti duraan Harmee koo gargaaraa ture Na Yaadachiisan akkasuma ammoo Abbaa Warraa koo fi Ilmoo Kiyya Na yaadachiisan jechuudhaan Kanneen Yaada kennatulleen baayyeedha.

Tapha Hamzaa fi Ashittii livii Irratti Funny Ajaa’ibaa taasisanii ummata kofalchiisan

Aah Jaalala Halaalaa jedhee kan waa yaadatee Keessa isaatti Miirri tahe wahii itti uumames hin dhabamne. Akka Maraafuu Galgala edaa Obbo Hamzaa Hijii fi Intalti Abilee yookaan Ashittiin Livirratti Namoota Kuma 10k oliin Daawwatamaa turan. Erga Viidiyoo bahanii lamaan isaanii waliin haasaha taasisuu dhiisan Bubbulanii jiran. Eda galgala ture kan wal arganii Ummata Kofalchiisaa bulan. Maaltu taheree?

Obbo Hamzaan Erga Nikaa Hidhatee,Aadde Ashittiin Akka Vediyoo hin Baane ajajee ture. Ashittiin Turtii Yeroo dheeraa booda Hamzaan waliin Taphannaa seeni jechuun Afeerrate. Ashittiin Gammachuu sanirraa Kan Ka’een,Nyaata Nyaachullee Akka Hin dandahin himti. Mushirrittiin Fooddaa Tiktok isheetin Calaw jettee Hamzaa eegaa jirti. Garuu Hamzaan Hin seenne ni bade.

Garaatu qullaa Na jira,Akkan Koflee taphatuu dandahuuf Ammoo,Nuaachuun qaba jedhee Hoteela deeme. Ashittiin Meekappiidhaan Fuula Ishee kana Garagalchitee Livii seente,Hamzaan dafee liivii seenutti aarte. Itti bilbiltee,Yaamuun Komii irraa qabdu ibsatte. Turullee Hamzaan Boodarra ishee Meekappiin irraa dhiqame seenee,Dhiifama Gaafata.

Tapha Muraasa Erga Waliin Taphatan,Akkaataa Itti Yeroo Ashittiin Magaalaa deemte,Ilmoo sossobuufi qabu Gaafatte. Hamzaanis Hojii waliin Boraatii Harkatti qabatee,Ilmoo isaa fakkeessuun Sossobuu eegala. Ashittiin Akkaataan Hamzaan Ilmoo Ishee itti qabu kana ilaaltee rifatuun Lakki Akkas miti Akkana Godhi sossobi jechuun Hamzaatti Agarsiifti. Hamzaan Kaw jechuun Ammagaa😂 Akka Maraafuu Guutuu Viidiyoo Dhaggeeffadhaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment