Waamicha Muhaadaraa Sheik Amin Ibroo Biyya Uk

Sheikni Keenya Sheik Amin Ibroo Waamicha Ulamaa’onni Biyya Uk taasisaniif Qeebaluun,Ummata keenyaaf Gorsa Dabarsuuf yookaan Muhaadaraa taasisuuf Isin Giddutti argameera.

Sheik Amin Ibroo Oromoota Biyya UK Birmingham jiddutti argama dhihaadhaa irraa Hin Hafinaa

Sheik Aamin Ibroo Yeroo Gorsa Ummataaf taasisu,Gorsa Nama Hin Hifachiifnen,Kofalchiisaa Akkaataa Jiruuf jireenyaa Akkasuma Diin isaa akkamiin jabeeffatuu Akka qabuufi,Akkmiin Badirraa of eegee Akka Rabbii isatti dhihaatuu qabu,Osoo Nama Hin Hifachiifne Dabarsuun beekama.

Haasaha Sheik Amin Taasisu Dardarrii fi Guddaanis,Hanga dhumaa Dhaggeeffata. Sababnis Yeroo Hadiisa Ergamaa Rabbii(S.A.W) Ummatatti odeessu,Hin Hiffisu,Akkasuma Hin Lolu,Tooftaa Qoosaa fi Taphaatin Ummata Hawwataa,da’awaa taasisa. Akkaataan Isaan Ummata Ittiin Gorsan kuni Baayyee Namoota Akka Isaan Jaalatu Taasise.

Sheik Amin Ibro Biyya UK’tti Argaman

Biyya UK Keessatti Ummataaf Da’awaa Taasisuuf Sanbata Xiqqaa fi Guddaa Fuuldura keenya Jiru kana beellamatee waan jiruuf Hundi keessan Akka Irratti Hirmaattan Kabajaan isin gaafanna. Waliif dabarsuun Biraan gahaa isiniin jechaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment