Lachuu Wal qixan jaaladha. Takka Daabboo Tiyya Takka Ammoo Biddeena Tiyya. Ofii Maqaan Biddeena fi Daabboo Maqaa warri isaanii Baasefi miti. Asliitu Baasef

Shamarran Lamaatu Aslirratti wal qabee Biyya Halkan guutuu Iyyisiisaa bule. Takka Ameerikaa takka Suudii jiraatti. Maqaan Shamarree Suudii jirtuu,Kuullee Yusuf hoggaa tahu Tan Ameerikaa Jirtuu Jaaluu jedhamti.
Dorgommii Jaalalaatu Gaggeeffame. Abbootin Murtii Gidduu taa’anii Qabxii qabaniif. Hundi Wanta jedhee Aslii faarsu fi Wanta Gochuu qabu Dubbatuun Miira Daawwattootaa hawwatu. Eenyutu Irra Jaalalaan Jaarsa isaa kunuunsuu dandaha laata?
Dhungoon isaan aslirratti Roobsan Daawwattoota garii Miira keessa galcha. Asliinuu xiqqo malee Fiiguuf ture. Haadaan hiinee Giddutti Qabne. Asliin Kaw jechuun ammaggaa,Hancufti Afaanii dhumee Waan jedhu dhabuun Ammagaa. Walumaa galatti Tapha baayyee hawwataa fi kofalchiisaa tahetu Mana Harootti Qophii Hiriyaa Jaalalaa Irratti gaggeeffamee bule. Guutuu isaa dhaggeeffadhaa Ittiin booharaa yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia