Finfinnee fi Oromoon Maal Waliif tahan? Alex Taayyee

Dhimma Finfinnee Fi Haalota Amma Deemaa Jiran Ilaalchisee Alex Taayyee Barreeffama Dhaaraa Maxxanse. Barreeffama Kana yeroo Maxxansu Dubbisi Qoodi,kuni Kan dhumaa Tahuu dandaha Jechuunis Sodaa Qabu Tuttuqee yaadachiisa. Haalli Oromoon Finfinnee Keessatti Tahaa Jiru Ammoo Nama Dhiba Jechuun Barreeffama asii gadii kana Maxxanse

Alex Taayyee Barreeffama Dhimma Finfinnee fi Rakkina Oromorra Magaalattii keessatti gahaa jirurraa Barreesse. Obsaan dubbisaa

Dhaamsa koo…

Tarii kan xumuraa ta’uu mala obsaan dubbisaa, waliif qoodaa!

Finfinneen akka Oromoon ishee jaalatutti Oromoo hin jaalattu. Maqaa isheetiin Qeerroo kumaatama, hayyoota qarsoo sabaa hedduu dhabne. Finfinnee keessatti Warra miidiyaarratti ba’anii mul’ataniin ala Ilmaan Oromoo guyyaa guyyaan lubbuu isaanii dhabaa oolanu lakkoofsa hin qaban. Manneen hidhaa magaalaa kana keessa jiran jaarraa tokkoo oliif dhiigaa fi lafee ilmaan Oromoo soorataa as ga’an. Addababayiiwwan, Daandiiwwan, Hoteelonni, Hospitaalonni… Finfinnee keessaa lubbuu ilmaan Oromoo soorataa jiraatan. Finfinnee m°rma ilmaan Oromoorratti funyoo hidhaa as geesse. Walumaa galatti Finfinneen akka nuti “Keenya” jennee jaalannuu fi faarsinu keenya ta’uu ishee bineensa, Buluu taatee nutti mul’iste. Finfinneen Oromoof gara jabeettii dha. Faayidaa isheen Oromoof buusturra, Lubbuu qaqqaaliiwwan Oromoo Finfinnee keessatti dhabaman, Gaddaa fi gadadoo isheen Oromoof buustutu caala. Sabni barootaaf irraa dhiibamee jiraachaa ture kan kooti jedhee akka nama kamiittuu keessa jiraachuuf yoo dhufu hanga warra maxxantummaa fi galtummaan dhufanii itti galanii illee hiree jiraachuu hin arganne. Sabni biraa isheerratti hojjatanii sooromanii Qarshii, Warqee, Kennaa qaqqaalii yeroo Ayyaanaa fi Cidhaa Maatii fi firoota isaaniitiif ergiti. Oromoof garuu, Ilmaa fi intala, Haadhaa fi abbaa lubbuun simatte a*eestee reeffa ergitiif.

Finfinneen hallayyaa gaddaa fi gadadoo Oromoo erga taatee bubbulteetti. Anumti kun ergan of baree as sababa magaalaa kanaa gadda hedduu keessummeesseera. Irra caalaa immoo waggoota muraasaa as taateen Ilmaan Oromoorratti raawwatu addadha. Bo’iin lolaa daandiiwwan magaalaa Finfinnee cina jiran reeffa Oromoo baraniiru. Hoteelonni magaalaa Finfinnee bakka ajjeechaan qaqqaalii Oromoo itti ‘Direct’ godhamu erga ta’ee bubbuleera. Finfinneen Oromoo isa waan qe’ee kooti jedhee fagoo fi dhiyoorraa waan humnasaa hojjatee jiraachuuf, Akka hiree isaatti buluuf itti gale caalaa, Diinota Oromoo adamsanu, Dhabamsiisuuf, saamuuf gara ishee dhufantu dachaa lamaa ol baay’ata. Artistoonni kanneen akka Eebbisaa, Hacee, Mulunaa, Yooseef, … dargaggoonni kanneen akka Moo’iboon, Soraa, fa’a… Kanneen an maqaa hin dhoofne hedduun magaalaa kanatti nyaataman. Dhugaan isaaniis gumaan isaaniis hin baane. Hayyoonni hedduun as keessatti rasaasaa fi gidiraa mana hidhaan lubbuun darbe manni haa lakkaa’u.

Egaa Finfinneen gara jabeeyyii lubbuu dhala namaaf naasuu fi rigaatuu hin qabneen guutamteetti. Oromoon immoo hundarrayyuu Oromoo malee silaa fira biraa hin qabu ture. Isheenumti Finfinnee keessa jirtuyyuu wal hin beektu. Isheen wal beektuyyuu wal hin jaalattu. Paartii paartii deeggartu qabattee, Amantii hordoftu maxxanfattee, ganda ganda moggaafattee dalga wal ilaalti. Wal cabsuu, wal tuffachuu, walitti hinaafuu, Wal baqachuu, Hammeenyaa fi shira walii labsuutti yeroo ishee fixxi. Inni silumaa Oromoo adamsu qaawwa kana fayyadamee Oromoo akak fedhe gochaa jira. kaan gowwoomsee, kaan sodaachisee, kaan ajjeesee, kaan yaaddessee itti taphata. Oromoon walirratti Kormee ta’uudhaan yeroo isaa fixee diina isaa ofirratti goobse.

Waggaa lamaa as Jireenyi Finfinnee keessaa baay’ee ulfaataadha. Keessumaa immoo Oromoo yoo taate. Afaan Oromoo yoo dubbatte. Bakka deemtu maratti nama si miidhu, si saamu, si ajjeesu, Si ukkaamsu tu si eega. Taaksii yoo eeggattee dhaabsifatte, Inni si hordofu Odeeffannoo kee qindeeffatee garee isaa beeksisa. gaafa ati yaabbattu akka imaltootaatti guutanii si eeganii bakka nama tokkoo qofa hambisanii dhufu. Taaksiidha jettee yoo seentu ukkaamsanii bakk fedhan geessanii akka fedhan si godhu. Gaafa hojii ooltee mna keetti galuuf deemtu inni si saamuu barbaadu bilbilaa fi qarshiif jedhee Cuubeen kalee waraanee lafa si buusa. Yoo fedhe morma Hudhee boolla si buusee yoo qabaatte fudhattee yoo dhabde si ajjeesee deema. Inni siyaasa Oromoo jibbu Meeshaa waraanaa kan akka Shugguxii tiin si adamsa. Dhugaa dubbatta yoo ta’e, Oromummaa kee jibba yoo ta’e bakka ati seentu, waan ati nyaattuu fi dhugdu hordofee, ba’aa fi gala kee qulqulleeffatee gaafa haalli mijatuuf akka ati deebitee hin jiraannetti addunyaa kanarraa si geggeessa.

Ijoolleen Oromoo kanneen Sababa gara garaan bakka dhaloota isaanii irraa magaalaa guddoodha namni na adamsee akka fedhetti na argachuu hin fanda’u jedhanii Finfinneetti galan hedduun reeffi isaanii maatiif ergamee, kaan dhoksaadhaan manni qopheessaa awwaalaa oola. Keessumaa immoo Ijoolleen godinoota Wallaggaa Afran irraa gidiraa baqa gara Finfinnee dhufanu qormaata jireenyaarratti qormaata lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu isaan mudataa oolu hiriyoota koo dhalattoora Wallaggaarraan argaa oola.

Wanti dubbatan hedduun osoo jiruu hedduu dubbadhee baafachuu hin danda’u. gabaabumatti jechuu kanan barbaadu Ijoolleen Oromoo Finfinnee keessa jirtanu hanga dandeessan wal iyyaafadhaa. Rakkoo keessan walitti himadhaa. rakkina keessan wal gaafadhaa. Diinaa fi fira keessan nama itti siqxan, nama amantanitti adda baasaa dubbadhaa. Karaa baatan irra deebitanii hin galinaa. bakka wal fakkaataadhaa nyaachuu, dhuguu, taa’uu, ooluurraa ofeegaa. Naannoo tokko yeroo dheeraaf hin turinaa. Ofeeganii jiraachuun hin danda’amu nan beeka. bakka sodaachisuu fi yaaddessu kophaa hin deeminaa. Waan hunda caalaa immoo diina walitti hin ta’inaa. Yoo wal taatanii diina qoluu baattan illee, hanga fedhe walloltan diinaaf dabarsitanii wal hin kenninaa. yoo kun hin taane immoo, dandeenyaan magaalaa keessa jirtan jijjiiraa.

Tibba kana Sodaachisoo fi dhaadannoon baay’achaa jira. Maatii fi hiriyoota koo hin dhiphisu jedheen callisa malee dabareen itti aanu kan keenya akka ta’e nutti himaa jiru. Qaamoleen sodaachisoo fi dhaadannoo natti himanu kunniin baay’ee ofeeggannoon kan guutamanidha. bilbilli isaan ittiin bilbilan gaafa na biraa waamu “NO NUMBER” jedha. Lakkoofsa hin qabu. Whatsapp irratti sagalee naaf ergu. Bilbila isaanii banuu yoon deemu hin jiru. Sagalee isaanii ‘Screen record ‘ gochuuf yoon yaalu hin dandeessu jedha. Karaa hundaan iccitii isaanii kan eeggatanii fi saaxilamuurraa kan of ittisanidha. Soraa lan ajjeese, kan ajjeessise Oromoo akka ta’e asirraa naaf galeera. Har’a ta’ee fi bor ta’ee hin beeku jedheen dhaamsa isiniif dhaamuuf dhufe. Namoonni miidiyaa hawaasaarratti, karaa adda addaa dhugaa dubbattanu, haqaaf dhaabbattanu, Oromummaa leellistanu ofeeggannoo godhaa! Yaada kana waliif qoodaa🙏

Haqa Soraas ta’ee, kan ilmaan Oromoo dabaan dhabamanii hanga lubbuun jirruu ni hordofna. yoo dandeenye ni baafna, yoo dadhabne lubbuu itti dhabna. Yoo nuti akka tasaa toorarraa dhabamne isin akka itti fuftan abdiin qaba!

Keessatti hojjannee, jijjiiramnee, maatii keenyas deeggarra, jiruu keenyas fooyyeffanna jennee jooraa turre. garuu hin taane. kanaaf Yeroof Finfinnee keessaa socho’uun mala ta’a. Bilbila kootiinis na argachuu dhiisuu maltu. Namoonni.of eegi jettanii naaf dhiphattan hedduudha. galatoomaa. garuu Nama waliin waanan jiruuf Hin dhiphatinaa!

Alex Tayetu Barreesse Waan Dubbiftaniif Galatoomaa Ulfaadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment