Aadde Moonet Kunoo Aslii Seenaa Jaalalaa Himsiiftee Boochisaartimo?

Gaazixeessituu OBN Tan Yeroo Jaalalaa Irratti Dhiirota Seenaa Jaalalaa Himsiisuun Boochisaa Ooltu Aadde Mooneet,Arra saalii waliin Dabaree argattee xiqqo Malee Asliin Boochisuuf turte.

Gaazixeessituu OBN Aadde Mooneet Yeroo Jaalalaa Tiktok Irratti aslii Waliin Afgaafii Taasiftee Himsiifte

Aadde Mooneet Tiktok Mataa ishee fi Youtube Mataa ishee banattee Akka jirtu Hawaasaaf Himuuf Akkuma Tiktok seenteen,Aslii Waliin Tapha eegalte. Tapha kanaanis Asliin Seenaa Jaalala isaa Akka Himu Gaafatte. Hawaasni Aslii daawwatu Dubbiin tuni baayyee taatefi Kofluuf ilkaan Rigachaa Komantiin Mana Oowwisu eegalan.

Obbo Asladdiin Mohammed yookaan Asliinis Seenaa Jaalala Kan Erga Biyya Masrii Kaayroo dhufee,Akkaataa Itti Haadha Seenaa waliin jalqaba wal baran Irraa Kaasee Akka himuuf gaafatte. Asliinis Seenaan Jaalala Haadha warra isaa Jamiilaa,shamarree biraa Walin walitti Hidhata qaba waan taheef Achirraa eegalee Himuufii eegale.

Seenaa Jaalala Asliin Himee Kofalchiisaa Jira

Jiddutti Waa yaadatee Imimmaan Ija Marraan Sooftii Naaf kenni Jechuun Mooneet Gaafatee Biyya Koflaan Garaa Bilcheesse. Akkaataa Itti Haadha seenaa waliin wal baran Himee,Raawwatee,dhugaa tokko kan dhosses Hawaasaaf ifa taasise. Sunis Maqaa isaa Kan Doktora jedhu kana Akkamitti Akka Haati seenaa moggaaftef himuudha ture.

Walumaa Galatti Taphni Seenaa Jaalala Aslii Kan Aadde Moonetiif Hime kuni Baayyee Nama Kofalchiisa. Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment