Shamarreen Obboleessa Keenya Comedian Soraa waliin Turte Toohannoo Seeraa Jala Akka Ooltefi Hoteelli Soraan Keessatti Ajjeefames Akka Cufame akkasuma Abbaa Hoteelichaa Dabalatee Hojjattoonni Hoteela Sanaas Toohannoo Seeraa Jala Oolfamuun Qorannoon Irratti Gaggeeffamaa Jiraachuu Odeeffannoo hanga yoonaatti jiru Ni Addeessa.

-Hoteelli #Avola kan Soraan keessatti du’ee argame cufameera. Abbaan Hoteelaa fi hojjattoonni to’annoo jala oolanii, Hoteelichi qaamolee nageenyaan eegamaa jira. kana qaamaanin arge jechuun Obbo Alex Taayyee Gama Fuula feesbuukii isaa Irratti maxxanse. Qorannoon bal’aa tahes akka irratti geggeeffamaa jiru odeeffadheera jedhe Alex Taayyee.
-Intalli Soraa bira turte jedhamte qorannoo cimaadhaaf qaama olaanaatti dabarfamteeti kan Jedhe Obbo Alex Taayyee,Odeeffannoo isheerraa argameenis hordoffiin godhamaa jiraachuu himeera. Ogeessonni seeraa, Namoonni Ogummaa isaaniitiin Teelee,Security fi kkf keessa jiran dhimma soraa itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu fi Dhugaa Obboleessa Keenya Obbo Soraa baasuufis waan danda’an mara akka gochaa jiran nuuf himaniiru jedheera.
Qorannoon Hospitaalaa fi Odeeffannoon Hojjattoota Hoteelichaa irraa argame wal qabsiifamee haqa Obboleessa keenyaa baasuuf gama hundaan tattaafii gochaa jirachuus himee,Hojiiwwan hojjatamaa jiran hunda Asirratti baasanii dubbachuun,qaama yakka kana obboleessa keenyarratti raawwate miliqsuu yookaan Yakkamtoonni tooftaa akka barbaaddatu gochuudha waan ta’eef,waan mara dubbachuurraa of qusatanii akka jiranis Obbo Alex Taayyee Dabalee dhiheesseera.
Dabaluudhanis Gorsa Kan Laate Obbo Alex Taayyee,yaadota burjaajii gara garaa asirra deeman dura dhaabbadhaa. Namoonni asirraa xiyyeeffannoo argachuuf “Ragaa Viidiyoo waliin…” jedhanu gaafa sana kaameeraa qabatanii dhaabbatanii waraabaa turanmoo Akkamiin Akkas Dubbatan jechuun Gaafatee,Wanti godhame yakka waan taheef jecha Odeeffannoon Akkas Jedhamu Soba tahuu Hubachuu qabdan Jechuunis Dhaameera.
Dabaluunis Obbo Alex Taayyee Lubbuu namaatu ba’e waan taheefuu namni lubbuu namaa baasuu viidiyoo waraabaa godha taanaan Wanti Akkasii fiilmii Qofarratti Yoo Tahe malee Dhugaa Akkasii Kanarratti Miti jechuun Dubbateera.
Osuma dhugaan jiru beekamee immoo hanga guyyaa 2tti obsa akkamiin tura namni sun? Akkamiin sammuun namaa boqonnaa argata? Jechuun Gaafatee,kanaafuu wanti akkasii Odeefannoo Sobaa tahuu beekuu qabdan kedheera.