Majlisni Oromia Hujjaajota Barana Hajjii Bara 1444 Hajjuuf Gara Makkaa Imalanii,Gama Fuula Rabbii deeman Namoota Shan Maqaa,Iddoo dhalootaa fi Sababa Isaan Itti Aakiramaniif Ifa Taasisanii Jiran.

Hujjaajonni 5 fuula Rabbii deemanii Makkatti awwaalamanii jiru.
عن ابن عباس رضي الله عنهما: (أن رجلاً خر من بعيره -أي: من فوق بعيره- فوقص فمات، فقال النبي عليه الصلاة والسلام: اغسلوه بماء وسدر، وكفنوه في ثوبيه، ولا تخمروا رأسه، فإن الله يبعثه يوم القيامة ملبياً)
Hajjii bara 1444 biyya keenya Itoophiyaa irraa gara Suudii imalan waliigalaan naannoo 11245 dha. Baay’een isaani nagaan biyya isaanitti yennaa deebi’an isaan keessaa hujjaajni 5 du’uun kabajaan makkatti awwaalamanii jiru.
- Haji Aliyyii Abbaagissaa Abadaamaa gara arafaa osoo hin deemin dhukkubsatanii fubii deeman.
- Hajiyat Maryem Hamiid Abdullaa darbannaa (jamaraa) erga raawwataniif booda Miinatti dhukkubsatanii mana haakimaatti fuula rabbii deeman.
- Haji Molid Awwaluu Saadiq arfaa booda hajjii raawwatanii dhukkubsatanii fuula rabbii deeman.
- Hajiyat Mariya Amaan Dargii hajjii xumuranii gara biyyaa galuuf meeshaa fe’atanii xayyaara keessa erga seenanii booda dirree xayyaaraa keessatti kufanii sababa Onneen isaanii dalagaa dhabdeef gama fuula Rabbii deeman. Janaazni isaanii gara Makkaatti deebifamee awwaalaman.
- Haji Adam Muhammad Yimer hajjii isaanii raawwatanii, balaliin ramadameefi, tikeeta xayyaaraa fudhatanii xawaafa dhaammannaa (xawaaful wadaa’i) raawwatanii harama yennaa ba’an konkolaataan rukutamanii fuula Rabbii deeman.
Jilli Majlisaa dhimmi kun isaan ilaalu Haaj Aadam Muhammad irraa kan hafe namoonni du’an hundinuu sanada barbaachisu raawwataniifii, sirna awwaalcha isaanii irratti argamuun kabajaan geggeessanii jiru.
Hujjaajni 6ffaan hajjii raawwatanii erga biyya galanii fujla Rabbii deemuu isaanii kanaan dura ibsuun keenya ni yaadatama.
Rabbiin gaafa guyyaa du’aa ka’uu, akkuman hadiisa armaan olitti caqasameen warra labbayik jecha ka’an isaan haa taasisu. Maatii fi firoottan isaanii hundaaf Rabbi sabrii haa kennuuf
Gabaasa: Barsiisaa Bedru Sheik Mohammed Makka irraa Gabaase Majlisni Oromia Maxxanse. Barreeffama Suuraa Gadiin Jiru Majlisa Oromia Irraa Fudhanne Galatoomaa Ulfaadhaa waliif dabarsaa. #UnitedOromia