Baga Rabbiin Isin Gammachiise Hamzaa fi Ashittii

Viidiyoo Bakka Lamatti Asuma gama jalaa jira lachuu Dhaggeeffadhaa. Rabbiin Akka Ofii Fedhu dalaga. Namni Hamzaa fi Ashittiin Tapha Jaalalaa Kan Halaalatti eegalan kanaan Bultii Ijaarratan jedhee yaadu Hin turre.

Baga Gammaddan Obbo Hamzaa Hajii fi Aadde Ashiitaa

Jaalalati dhugaa firii godhata. Akka Taphaatti Jaalala Eegalan. Jidduu isaanitti Rakkoon Garagaraa ka’ee Hamma Kutaaf Gandaan wal qooduf tattaafin taasifamutti Waan hedduutu jedhamee ture. Tahullee Guyyaa Arraa Jaalalti isaanii sun dhugoomee Gidduu isaanitti Nikaan Rassuull Taasifame. Kanaanis Haadha warraa fi Abbaa Warraa Waliif Tahuun Raggaasifame.

Baga Gammaddan Obbo Hamzaa fi Aadde Ashittiin Bultii ijaarratan

Namni Dhugaan Kaayyoo dhugaatif wal jaalatu waan yaadu bira Ni gaha. Obboleessa Keenya obbo Hamzaa fi Obboleettii teenya Aadde Ashittii baga Rabbiin Isin Jaaree,isin Gammachiise. Horaa Bulaa,Umrii waliin dheeradhaa,yaamaa ergadhaa,Arrii waliin Filadhaa jechuun Yeroo ammaa kana Ummanni Du’aa’ii godhaafii jira.

Gammachuu Ustaazonni Walfuudha Hamzaa fi Ashittii Irratti qaban ibsachaa jiran

Warra Jaalala waliif kennee Ilmaan diin babaldhisu walirraa horee,Umrii waliin dheeratu isin haa taasisu jenna. Mee Daawwattoonni keenya Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment