Obbo Jawar Mohammed ilaalchisee Olola Waca kaase

Obbo Jawar Mohammed Hojii Boonsaa Yoomillee hin dagatamne hojjatee jira. Kanaanis Addunyaan Seenaa Ethiopia Keessatti Dargaggeessa Qawwee malee Qalamaan Mootummaa Buuse Jetteenii,Galmee Namoota Bebbeekkamoo keessatti Galmeessitee jirti. Amma Maaltu Tahe?

Artist Kadir Martuu Jawar Mohammed Ilaalchisee Waan dubbate qaba.

Jidduu kana Duula Fokkotaa Tokkootu,Sakkaaraamtota Hoji maleeyyii,gantoota fi Warra Garaaf Jiraatu Biraa Obbo Jawar Mohammedirratti Baname. Duulli Kun Kan Baname Maqaa Waraana Bilisummaa Oromo Dahoo godhachuun yemmuu tahu, duula Kana Namoonni Baayyeen Akka waan waraanni Bilisummaa Oromo duuba jiruu Fakkeessuun Yaada kennataa jiran. Garuu Dubbiin akkasi miti

Namni Tokko Nama Tokkoon waa jechuu kan dandahu,Sochii Namni sun taasisaa jiru hordofee namni sun Akkana Akkasi jedhee yaada kennatuu yookaan Jibba Labsatuu dandaha. Haa tahuu malee Dhiheenyatti Obbo Jawar Mohammed Dubbiinis tahee gochaan Sochiin inni taasisaa jiru tokkolleen hin jiru.

Olola Jawar Mohammed ilaalchisee banameef Yaada Gabaabaa Artist Kadir Martuu kennate

Gareen Ergama Biraa Qabdu Maqaa Jawar Mohammed kana Dahoo godhachuun,akka ummanni Waraana Bilisummaa Oromoo jibbu taasisuuf,Halkaniifi guyyaa Dhagaan Gara hin galchine hin jiru. Ofii Isaan Deeggartoota Waraana Bilisummaa Oromo fakkaatu. Garuu Isaan Ergamtoota Akka Ummanni Waraanicha Jibbu taasisuuf,Halkanii guyyaa,yeroo fedhan Kutaadhaan hawaasa qoodu,yeroo fedhan Hayyoota oromoo arrabaan xiqqeessuun Tiktok Irraa Hammeenya Lallabaa Oolaa Bulan.

Gareeleen Akkasii Sun Waraana Bilisummaa Oromo Bakka Hin buutu,Waraanni Bilisummaa Oromo Kaayyoo Akka Isaan Qabanii kana qabaatufuu yaada hin qabu. Kaayyoon Garee farriftuu Maatii fi firoottan isaanitiin Abaaramtee Hawaasa oromo diigudhaaf Halkanii Guyyaa qabsooftu tunniin,Kaayyoon isaanii Waraana Bilisummaa Oromo Ummata Jibbisiisuuf Hojjatuudha.

Namoota Keenya Humaa Hin Hubanetti fakkeessuuf baayyee laffa’u,waan waraana Bilisummaa Oromo Jaalatan fakkaatu,Garuu Akeekni isaanii Durattii Oromoo diiguun faffacaasuudha. Sana Booda Maqaa Waraana Kanaatin Ummata Sobanii Birrii Guuratuudha. Birrii guurame Ofiif Dhimma Itti bahatuu fi Wantoota Tokko tokko Maqaa Ummata Oromootin dhaabbatoota Garii irraa Fudhatanii Dhimma Itti Bahatuuf Kana Godhaa jiran.

Kana Waan taheefuu,Ummanni Oromo Jechoota fi Hojii jara kanaa Hubachuun Akka Irraa Ofeeggannoo gootan Isin Hubachiisuu Barbaanna. Viidiyoo keessatti Artist Kadir Martuu Yaaduma Kana Fakkaatu Kennataa jira. Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment