Kana Dura Waanuma qabdaniin wal fuudhaa,Hin sodaatinaa Bultii Ijaaraa jechaa turre. Amma Kunoo wanti sodaanne dhufte. Jechuun Waan shamarran Boochisuu eegalerraa Dubbii Ajaa’ibaa Kan dubbataa Jiru Ustaaz Hamzaan,Arra Waan dubbatee komii kaasef Deebii kenne.

Shamarree Seenaan Aslii Jaalatuu kaleessa Nama Kuma shan Irratti Ifa goote. Dubbiin isheen Achi keessatti dubbatte,Dargaggoota Baayyetti Abdii Horte. Ka Gariifaan qaata Manaaf Birrii Gaggaafatuu eegale. Dubbiin Shamarree seenaan dubbatte suni Ustaaz Hamzaaf Baayyee Taate.
Waan Qabdaniin Hin Taa’inaa Wal fuudhaa jechaa turre. Kunoo Amma Waan Ajaa’ibaatu Nutti as bahe. Tan Birrii fi Mana Qabduutu! Rabbiif Jecha Na fuudhif dhiira Gaafatte. Anis Kanarraan Gammachuu ibsadhee Asliidhaf fuudhi dhaamsa jedhu dabarse. Dubbiin Kuni Ammoo Akkan Vediyoo lammadaa Hojjadhu Na dirqisiise.
Shamarrumti Agarte Cufti Lafaa Kaatee Rabbiif Jecha Na fuudhi Yoo kan jettu taate,Atilleen Yoo Hin Jaalaltin Rabbiif jecha Na dhiisi jedhiin Waan jedhu Deebii,Gaafi Komantii Jalatti Gaafatameef kenne. Osoo Nuti Isinitti Iyyinuu Diddanii Teessan. Kunoo Amma Rabbiif Jecha Qabeenya koo waliin Nafuudhirra geessan. Maaltu Kanaan dhufe jedhee gaafan yaadu Deebii Argatuu dandaheera.
Sirba Tokkootu Gadi Bahe. Sirbichis Aa’ishaa qalloo fi Furdoo Miskiina fi Dureettii Dabalatee Balaaqalaa Dila Takka Kan Odeessu Shamarran Tiktok Irratti Akka Sirbichaan Ragadan taasise. Kunis Shamarran Oowwisee Waan gootu wallaalchisee jennaan Gadi Yaatee Rabbiif Jecha Na fuudhi jechaa jiran.
Yaa Warra sirbaan Ummata Hallayyaatti Naqaa jirtan Sirba akkatti Nama Oowwisu kana Nurraa dhaabaa jechuun Gorsa Ajaa’ibaa Dabarse. Kanarratti Likki Likkii walitti Himna Jechuun Liivii banatee Dhugaa Jirtu Dhaame. Gorsa Kana Hamma Dhumaa Dhaggeeffadhaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia