Asliin Na Janajjanaa Ture. Manaa fi Birrii kiyya Hunda Haa fudhatee Na fuudhu jette.

Dhiirti Shamara dhabne jettee Rakkatti. Shamarri Ammoo Dhiira Jaartii Qabuuf Boochee mankaraarti. Bara Boodaa jirra Yeroo jennu Ragaa waliini.

Ani Aslii Natti Fuutan Malee Jette Seenaan

Aadaa Oromoo keessa shamarri takka dhiira jaalatte,Mana Isaanii Dhaquun Hiddii Utubaa jala keessi. Warri Mucaa Akkuma Hiddii argeen Ammoo Eenyu Akka Isheen Jaalatte Gaafatuun Dirqamanis tahu Jaalalaan Itti Heerumsiisu. haala Saniin Shamarran Mana warra Mucaa Jaalattee dhaquun sun ASEENNAA jedhama.

Tarii Seenaan Haala Kanaan Waan Aslitti dhaqatte fakkaatti. Dubbiin ishii Kamtu dhugaa kamtu soba jettee beekuun Ni Ulfaata. Akka Asliin Janajjanaa Ture ifatti Ummata 5k oliin Isaan daawwaturratti himte. Tahullee Garuu Aslii Dubbii kana Ni Haale. Yoo isheen Ragaa Wanta dubbattuu kana Fidde Ani Haadha Warraa Tiyya Miilarratti Kufeen Kadhadhee fuudha jechuun Ifatti dubbate.

Asliin Na Jaalata Anis Jaaladhe Qabeenya Kiyya Hunda fudhadhuu Na fuudhi jechuun gafate

Intalli Garuu Akka Aslii Baayyee jaalatte Himuun,Aslii Dhabdee Jiraatuu Akka Hin dandeenye Boochee himte. Qabeenya Guddaa Akka Qabdu Himte. Mana Qarshii Miliyoona Lamatti dhihaatun Adaamaa Bitattee Akka Qabdu himte. Mana Kanaa fi Qabeenya Qabdu sana Hunda Asliidhaaf Dabarsitee a Akka Kennitu yookaan Maqaa Aslitti Akka Deebiftu Himte. Dubbii Tana Dhageenyan Asliin Akka Waan Jaalala isheetin Weeraramee fakkaata.

Dubbiin Masaanuu Amma Dubbatamuu eegale. Akka Hinaaffaa qabdu Dubbatte. Siree takka Irra Aslii fi Haadha Warraa isaa waliin Galuu Akka Barbaaddu Himte. Asliin Kaw jechuun Ammagaa Eessaa Baate Tun jechuun Ammagaa Maraafuu Ani Jalqaba Kijiba seha ture. Tahullee Haalli Mucattii Dhugaa Fakkaata. Haasaha Kana Dura Dhugumaan Boohaa turte.

Akka Maraafuu Dhumarra Akka Jaarsa Hin qabne Himte. Jaalalti Aslii a Akka Ishee laboobaa jirus dubbatte. Nama Dubbiin Kuni Praankiidha jedhu Abaarsaan darbatte. Guutuu Viidiyoo dhaggeeffattee ati Maal Hubatte? Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment