Fatihaan Arra Faranjii Adiiwaliin Jaalala eegalte

Linkii Viidiyoo Kana Jalatti Sababaa Vediyoo kana Dhiheessef Isiniif Katabeera. Kanarraa Baratuu Akka qabdaniif Dubbisuu Hin dagatinaa

Fatihaan Ammagaa Ameerikaan Deema jettee Mirqaanun. Jalarraa Sababaan Viidiyoo kana Qindeesseef Hanga dhumaa dubbisaa

Ammagaa Fatihaan Kaw jechuun Kana Dura Natti Qoosaa turtan Arra Jaarsa Birrii qabu Rabbiin Na Milkeesseera jechuun,Aadde Fatihaan Ajibatti Mirqaanaa jirti. Namichi Birrii Akka erguufi qabus himeefi,Eessaan Akka Erguufis Gaafate.

Fatihaan Amanuu diduun Hamma Jaalatu Gaafatte. Namichis Himeefi,Rakkattullee Fatihaan Afaan Faranjii Kan Biyya Guutuu Kofalchiisu Tokkoon Jaalala Isaaf qabdu Himti.

Qoosaa Kana Sababa Malee Miti Kanin Isiniif Dhiheessef,Tokkoffaa Namni Tokko Alan Ati Hin beeyne Haala Amma Agartan Kanaan yoo wal bartan,Gama Keessaatin Tasa Birrii fi Wantoota Garagaraatin Isin Mirqaansee,Tasa Waan biraa Yoo Isin Gaafate,Tasuma hin Hayyaminaa.

Fatihaan Jaarsan Argadhe jettee Yeroo mirqaantudha

Namoota Akka Kanaa Amanuun Hin Barbaachisu. Haala Kanaan Dubartoota Baayyee Qullaa Qaama Isaanii Bakkoota Garagaraatti Maxxanfamanii Agartan. Kuni Haalota Amma Agartan Kanaan Shawwadamanii Yookaan Ofirraanfatanii,Dagamanii Erganiif. Ergasii jara jalaa badu. Kan Milkaahuf Namoota Muraasa qofaafi. Kanaafuu Wantoonni Akkanaa Kuni gama Fuula Duraatti Miidhaa Shamarran keenyaa malee Bu’aa Hin qabu Waan taheef Irraa Ofeeguu Akka qabdaniif Isiniif dhiheesse. Maraafuu Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment