Guyyaa Kaleessaa Obboleessa keenya Tokko Biyya Egypt Ciro keessatti Lubbuun dabarte.

Obboleessa Keenya Badii Malee Durriyyeen Biyya Kaayroo keessatti Ajjeeftef Rabbiin Jannata Haa kennu,Badii isaa hunda Rabbiin Haa Araaramuuf. Biyya Egypt kaayroo sanitti Taateen Akkanaa Kuni Namoota Baayyerra Gahaa Turee,ammas akkuma itti fufetti jira. Dhimma Kanarratti Hawaasni Oromo l Kaayroo keessa jiraatu,Hiriira Waajira UNHCR Duratti Bahuun Rakkoo Isaanii Ibsataa oolaniiru.
Hawaasni Keenya Biyya Sanitti Rakkina Akkanaa Kanaan Hubamaa Hanga Arraa Jiraate obsa Fixatuun,UNHCR Hatattamaan Ajjeechaan Kuni Nurraa Akka dhaabatu jechuun Gaafataniiru. Yoo Rakkinni Kuni Biyya Kanatti Kan Nurraa Hin dhaabanne tahe ammoo Hatattamaan Gara Biyya sadaffaa Akka Nubaasuu qaban jechuun Gaafataniiru.
Dhimma Kanarratti Artist Kadir Martuu,Gorsa kenneen Ummanni Keenya Wal jaalatuu,wal dhagahuu fi Waliif Tumsuu Akka qabus dhaameera. Artist Kadir Martuu Seenaa Nabiyyanaa Yunus Yaadachiisuun,Ummanni keenya Gama Rabbii isaa deebi’uu Akka qabus Gorseera.
Rabbiin Keenya Nama Isatti Towbaa deebi’eef Araaramaa fi Abbaa Rahmataa Akka tahe himuun,Namni Rabbi Sodaannan Rabbiin Isaanif Tumsuus himee,Gargaarsa Ilma Namaarra Kan Rabbiitu Caala Kana beekaa jechuunis Gorseera. Obboleessa KEENYA Badii Malee Lubbuu Dhabeef Rabbiin Haa Araaramu,Jannata Isaatin Nuuf Haa gammachiisu jechaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. Waliif dabarsuun Hawaasa keenya Biyya Kaayroo jiraatuf Sagalee haa taanuun dhaamsa keenya. #UnitedOromia