Hawwiin Anaaf Imaanaadha jechuun Waa’ee Haadha Manaa isaa Nasri Aanolee himeera.

Nasrii Aanolee Waa’ee Haadha Manaa Isaa Aadde Hawwii Yeroo dubbatuu fi dinqisiifatu.

Dubartiin Imaanaa Akka Tahe Rabbiitu Nuuf Dhaame. Haadha warraa Obbo Nasrii Aanolee Ilaalchisee Namoota Ololuuf deebii Kennuun kan eegale Nasrii Aanolee,Hawwiin Isaaf Imaanaa Akka taate himeera.

Yeroo Baayyee Jireenya Haadha Warraa Nasrii Kan Osoo Nasriin Hin Fuudhin Duraa Kaasuun,Ololli Irratti Oofamaa Tureera. Haatahuu Malee Nasrii Aanolee Guyyaa Tokkos dhimmicha kanarraa Hin dubbanne jechuun,Namoota Bultii Namaa Diiguuf Halkanii Guyyaa Hojjataniif Deebii Kenneera.

Haati Warraa koo Aadde Hawwiin Anaaf Imaanaadha jedhe Obbo Nasrii Aanolee

Nasriin Haadha Manaa Isaa Aadde Hawwiin Dubartii Jabduu Rabbiin Na Badhaasedha Jechuun,Waa’ee Jabina Ishee fi Obsa Ishee Hoggaa Himu,Ummata Qalbii dhaabe. Namoonni Haadha Warraa Qaban Akka Jaalatuu qabaniif Jechi isaa Kuni Onnee Namootaa Seene.

Hawwiin Shamarree Oromo,Dhalattuu Iluu Abbaa Boor Hoggaa taatu,Namoonni Yoo Akka Tasaa Ani Waa balleesses,Gara ishee fiiguun Isherratti Duulan jedhee,Ani Sababa Isin Ishee xiqqeessitaniif Tasuma Jaalala Ani Isheef qabu Xiqqeessuu hin dandeessan Jechuudhanis Jala muree dhaameefi jira.

Dhumarrattis Obbo Nasriin Onnerraa Haadha Warraa isaa Akka jaalatu himuun,Osoo Shamarran Kumaatamaan dhufanii Na kadhatanii Bakka Hawwiin Onnee kiyya keessaa qabdu seenuu Hin dandahan jechuun,Jaalala Hawiif qabu Himee,Hawwiin Imaanaa Ustaazota Oromoo Ishee itti fuudhanii Akka Isarra jirus Himeera. Maashaa Allah Umrii waliin dheeradhaa. Mee isin Maal jettan yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment