Hojiin Rabbii Nama Ajaa’iba. Namni Amane Hin Jiru. Gamaaf Gamasii Waca Bayyatu malee dhugaa ni taha jedhee Namni Yaadu Muraasa. Rabbii Oltahe Galatoomfachaa Namoota Duuba Jaraa Dhaabachuun Haala Tolchaafi jiran Hundaan Galatoomaa Jenna.

Akkuma Taphaatti Eegalanii Tapha Jaalalaa Waliin Taphatuu Kan Eegalan Aadde Ashiitee fi Obbo Hamzaan Amma Gama Nikaa Hidhachuu Fuulleffatan. Viidiyoo Gadirraa Agartan Kana Irratti Haalli Isaanii Baayyee Jijjiirame. Taphni Isaanii Mararfattootafi Jaalattoota Isaanii Hawwate. Tahullee Garuu Namoonni Isaan Kana Walbiratti Arguu Hin Jaalanne Akkuma Fuula Guuranitti Itti fufuun,Duula eegalan. Viidiyoo Lammaffaa Kanuma Gama Gadii Jiru Jalatti Murtee dhumaa fi dhugaa Jirtu Ashittiin Takka Takkaan Ummataaf Ifa Taasiftee Akka Hamzaa Filatte himte.
Taphni Isaanii Kan Miira Jaalalaa Keessatti wal agarsiisan kuni,Namoota Garitti Bowwoo Mataa tahe. Gareen Jaaramanii Hamzaa fi Ashitti Addaan Baasuuf,Tiktok Hamzaa fi Duula Arrabsoo fi Maqa balleessii Gareen Oofuu eegalte,Vediyoo kana Isaan jala taa’uun Dhaggeeffatan. Baayyee aaranii Duula Addaan Jara Fageessuu kan eegalan Itti fufuuf Jechootaan Darbatuu fi Accownt Hamzaa Cufsiisuuf Baayyee Laffa’an.
Laffaatii Isaanii Kana Tan Agarte Ashittiin Dhiisaa Hin Laffa’inaa Jechuun,Kaayyoo isaanii Ifatti Baasuun Akka Hamzaa Filattee Jirtu Himte.
Jaalalti Kennaadha. Jaalalti Miidhagina. Jaalalti Qabeenya.Jaalalti Gaafa Dhugaa Tahee wal fuudhan Ammoo Hunda Caalaa,Barakaa fi Bareedina akkasuma Jabinaa fi Ulfinas Namaaf Hora. Obbo Hamzaa Fi Aadde Ashittiin Akka Taphaatti Jaalala Waliin eegalan,Amma Murtii dhumaa Irra Gahuun Gara Abbaa Warraa fi Haadha warraatti Tarkaanfatuuf Nikaa Godhachuuf,Imalarratti Argaman.
Wanti Jennu Baayyeen Osoo Jiruu Garuu Jette jettee fi Ololtoota Hamzaa fi Ashittii Gargar Baasuf Rakkataa Turaniin,Ammatti Homaa Jechuu Hin Barbaannu. Yaadadhaa Sheeyxaanni Akkuma Isaan Akkanatti Fakkeessanii Tiktok irraa wacan Fedha malee Akka Isaan Waliin Bultii Jaaran hin fedhu. Kanaafuu Baga Rabbiin Sadarkaa Amma Irra Jiran Kanaan Isaan gahe hoggaa Jennu Onnee qulqulluu fi Jaalala waliini. Congratulation Hamzaa fi Ashittii ❤️ Mee Isinis yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia