Shamarran Oromo Oljedhee Ija keessa Nama Ilaaluu Hin dandahan turan.

Oromoon Aadaa qaba. Safuu beeka. Keessaafuu shamarran oromo Wanta Biraa dhiisaatii Nyaata Nyaataatuu,Miidiyaa Irratti Mitii Karaa Irratti Nyaata Tahe wahii nyaachaa deemuun Safuu Akka tahetti beekama. kanaaf Hedduu Saalfatu. Kabajaa isaanii Eeguun Jiraatu turan. Bara kana Wanti Argaa jirru Gurra Nama Duuchee,Ija Nama Hogaaga.
Safuun Bara Durii dagatame. Waaree salphinaa uffanne. Shamarri Takka Ija Soogiddaan dhiqattee,waan Dhiirri jechuu sodaatu Miidiyaa Irratti Akka Waan Aadaa tahetti dubbatuu eegaluun,Kuni Alaamaa qiyaamaati.
Shamarran Suur-sagalee Armaan Olii keessatti Agartan tunneen,Safuu beekuu mitii,Bakka Safuun Bule waan bulan hin fakkaatu. Shamarran Muslimaa mitii,warri Adiituu Wanta Akkanaa Miidiyaa Irratti Ni dubbatan yoo jenne waan sobne hin seenu.
Shamarran keenya Kan Safuu Dagatee,Rabbi sodaa dhiisee,Miidiyaa Irratti Wanta Fokkuu,akkaataa Abbaan Warraa Ittiin Haadha warraa gammachiisuu qaban fi Wantoota Gurraan dhagahuun Namatti Ulfaatu dubbatuun Baayyee Namootaa Boochisanii,Qaanfachiisanii Akkam jedhanii Akka irraa itti dubatanillee Ummata Wallaalchisan.
Maammee dabalatee Namoonni Viidiyoo asiin Olii keessatti agartan Dhimma Kanarraa Gorsa kennaafi jiran. Rabbiin Safuu keenya Isa ganamaatti Nuhaa deebisu. Rabbiin Isaanis Haa qajeelchu Jechaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia