Kijibni Haraami. Taphaafis tahu Dhugaaf,Garuu Kijibuun Haraami. Shamarri Yeroo Saalfattu Waan feetellee taatu,Wanta Sana dhossuuf Kakatanii Bira dabru.

Fajirii fi Isaam Akka wal jaalatan Nutti Himanii turan. Garuu arraysobanii Kakatan. Kanaan Dura Ifatti Public Irratti Akka wal jaalatan Nutti Himanii,inumaa Fajriin Guyyaa sana Intala Biraa takkaan Isaamirratti wal lolanii,Aartee Buute. Jalqaba Suuraawwan Fajrii Histooriinirratti Guuratee Fajriin Akka Isa Jaalattu Taasise.
Fajriin Mana Isaa dhaquun,Akka Isa jaalattu Ifatti Nutti Himte. Isaamis Caalatti Akka Afaqqare Nu olka’ee hojii waliin Shururuu jechaa Nutti agarsiise. Har’a Garuu Wanti tahe sanaan ala. Duraan Najaalatti mitii jechuun Fajrii Gaafata. Fajriin Ani takkaa sin jaalanne jechuun Kaadde. Akkaatuma walfakkaataa kanaatin Namoonni Keessatti Wal janajjanus Gocha akkanaa kana walirratti raawwatuun,wal madeessee gargar baha.
Kuni Kan Liivii Irratti Wal mararfataa turan waan taheef garuu,Akka wal sobuun kuni Hirdhatuuf Isiniif dhiheessine. Kan Nama Aarsu garuu Wal Jaalachaa turuu isaanii miti. Gaafa wal dhiisan garuu Akka waan walin jaalannetti Kakatanii Dilii hojjatuu isaaniti. Silaa Gaafa sana akka taphaatti wal jaalanne jedhanii Dubbatanii maaltu isaanin morma? Namni isaanin mormu hin jiru.
Garuu Akka Walin jaalatin Dubbatuun Kijibanii Sanuu Maqaa Rabbiitin Kakatuun isaanii,Akka waan Maqaan Rabbii Tapha tahee tokkotti,Ummata duratti Irra deddeebi’anii kakatuu isaaniti. Beey magan jedha warri keenya Waan akkanaa tanaan. Maraafuu Kakuu isaanii saniif Sadi sadi soomanuu qaban. Towbaa Deebi’uu qaban. Badii keenya Hunda Rabbiin Nuuf Haa dhiisu. Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia